Magaalota Amboofi Jimmaatti meeshaaleen filannoo raabsamaa jiru
Finfinnee, Caamsaa 21, 2018 (FMC) – Magaalota Amboofi Jimmaatti meeshaaleen filannoo buufataalee filannoo garaagaraaf raabsamaa jiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Naannoo Filannoo Magaalaa Amboo obbo Misgaanaa Sadeessaan, adeemsa filannoof qophii barbaachisaan xumuramuu ibsaniiru.
Waraqaa sagaleen itti kennamu dabalatee meeshaaleen filannoof barbaachisan biroon raabsamaa jiraachuu eeraniiru.
Bulchiinsa magaalichaatti buufataaleen filannoo 42 jiraachuu ibsuun, godinicha dabalatee buufataaleen filannoo 105 akka jiran kaasaniiru.
Magaalichatti raabsiin meeshaalee kunneenii guyyaa har’aa xumuramee boru ganamarraa eegalee gara buufataalee filannoo godinichaatti kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Bifuma walfakkaatuun magaalaa Jimmaattis hojiin meeshaalee filannoo gara buufataalee filannootti raabsuu gaggeeffamaa akka jiru Itti gaafatamtuun Waajjira Naannoo Filannoo Magaalichaa Nabiyaat Abrahaam ibsaniiru.
Meeshaaleen akka saanduuqa sagalee, waraqaa sagaleen ittiin kennamu, waraqaan galmee, chaappaawwaniifi meeshaaleen filannoof barbaachisan biroon buufataalee filannoof raabsamaa jiru jedhan.
Naannoo filannichaatti buufataaleen filannoo 117 akka jiran eeranii, buufataalee hedduuf meeshaaleen kunneen raabsamuu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia