Fana: At a Speed of Life!

Magaalota Oromiyaa keessatti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob babal’isuuf hojjetamaa jira- Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Adoolessa 18, 2018 (FMC)- Magaalota Oromiyaa keessatti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob babal’isuuf hojjetamaa jira jedhan Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin.

Sagantaan hojiirran oolmaa riifoormii tajaajila mootummaafi bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa ifoomsuu mata duree ”Riifoormii Tajaajilaafi Bulchiinsaa Badhaadhina Hundagaleessaaf” jedhuun magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Komishinara Komishinii Sivil Sarvisii Federaalaa Dooktar Makuriyaa Hayilee fi Pireezidaantii Itti aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa biroon argamaniiru.

Obbo Awwaluu Abdiin saganticharratti haasawaa taasisaniin, jijjiirama biyyaalessaa hordofee mootummaan riifoormiiwwan hedduu bocee hojiirra oolchuu ibsaniiru.

Riifoormiiwwan gaggeeffamanii hojiirra oolan keessaas, riifoormiiwwan nageenyaa, qonnaafi riifoormii tajaajilaa siivil sarvisii ta’uu eeran.

Riifoormii haaraa tajaajilaa cimsuuf hojiirra ooleen gandoota baadiyyaatti caasaa haaraa bocuun hojiirra oolchuufi magaalota Oromiyaa 96 keessatti tajaajila giddugala tokkoo Masoob hojii eegalchiisuu himaniiru.

Hojiiwwan eegalaman sadarkaa hundatti cimanii kan itti fufan ta’uus kaasaniiru.

Hoggantuun Biiroo Siivil Sarvisiifi Misooma Qabeenya Humna Namaa Oromiyaa Kokabee Didhaa gamasaaniin, rakkoo bulchiinsa gaariifi tajaajilaa waggoota dheeraaf hawaasarratti rakkoo guddaa uumaa turan furuuf riifoormiin utubaawwan 7 of keessatti qabate bocamee hojiirra ooleera jedhan.

Asteer Geetaahuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.