Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ayyaana Mawuliidaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarse
Finfinnee, Hagayya 18, 2018 (FMC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ayyaana Mawuliidaa sababeeffachuun hordoftoota Amantaa Islaamaaf erga baga geessanii dabarseera.
Manni marichaa Ayyaana Mawuliidaa waggaa kuma 1 fi 501 ffaa guyyaa boruu kabajamu sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.
Nabiyyuu Mahaammad jireenya isaanii guutuu ilmaan namaatiif fakkeenya ta’anii dabarsuu ibsuun, hawaasni Musliimaa jireenya Nabiyyuu Mahaammad irraa barachuu, barsiisa amantaa isaanii hordofuu fi fakkeenya isaan godhachuun, jaalalaa fi nagaan ilmaan namaa gidduutti akka jiraatuuf carraaquu qabu jedhe manni marichaa.
Nabiyyuu Mahaammad (SAW), amala barsiisa isaanii keessatti gatiiwwan jaalalaa guutuu, obsa, nagaa, gaarummaa, walii yaaduu fi wal gargaaruun namoota gidduu akka jiraatu gorsa turaniiru.
Isaanis namoota garaagarummaa malee jaalala guutuun kan jaalatan turan.
Hawaasni Musliimaa ayyaana mawliidaa iddoo guddaa itti kennuun yeroo kabaju, qaamolee hawaasaa hunda waliin obsa, wal kabajuu, waliigaltee fi nagaan waliin jiraachuu akka bu’uuraatti godhachuu qaba jedhe Manni Marichaa.