Manni Maree Ministirootaa murtoowwan garaagaraa dabarse
Finfinnee, Ebla 14, 2018 (FMC) – Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 54ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.
Manni marichaa jalqaba irratti waliigalteewwan deeggarsa faayinaansiifi liqaa lama irratti mari’ateera.
Waliigalteen jalqabaa raawwii karoora fooyyyessii diinagdee mandhaleef kan oolu Ejensii Misoomaa Faransaay irraa waliigaltee liqaa Yuuroo miiliyoona 80 yoo ta’u waliigalteen lammafaan ammoo fooyyessii sagantaa dhiyeessii maallaqaa baadiyyaaf kan oolu Baankii Invastimantii Awurooppaa irraa waliigaltee liqii Yuuroo miiliyoona 100’ti.
Manni marichaa waliigalteewwan liqii lameen imaammata liqaa biyyattii waliin kan walsiman ta’uu mirkaneessuun wixineewwan labsii waliigalteewwan liqaa ittiin raggaasifaman Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataf akka dabarfaman sagalee guutuun murteesseera.
Itti aansuun Manni Marichaa kan irratti mari’ate warshaa oomishaafi qindeessa xaa’oo Yuuriyaa ilaalchisee waliigaltee eegumsaa fi jajjabeessituu invastimantii irratti.
Manni marichaas waliigaltichi kallattii imaammataa mootummaa kan hordofe ta’uu mirkaneessuun Ministeerri Maallaqaa akka mallatteessuufi gara hojiitti akka galu sagalee guutuun murteesseera.
Kana malees Manni Maree Ministirootaa wixinee labsii nageenya saayibarii bu’uuraalee misoomaa ijoo irratti erga mari’ateen booda galteewwan itti dabaluun gara Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
Itti aansuun Manni Marichaa Waliigalteewwa idil-addunyaa gamlamee 6 irratti mari’ateera.
Kan jalqabaa waliigalteewwan Mootummaa Rippaabilika Sooshaalistii Veetnaam fi Federeeshinii Raashiyaa waliin mallatteeffaman akka duraa duuba isaaniin namoota Paaspoortii dippiloomaatikii yookaan ammoo tajaajilaa qabaataniif waliigaltee viizaa hambisuu fi waliigaltee Wiirtuu Qorannoo Baayooloojii Waloo hundeessuuti.
Waliigalteewwan kunneen hariiroo gamlamee Itiyoophiyaan biyyoottan kanneen waliin qabdu cimsuufi sochii damee qorannoofi qo’annoo saayinsawaa taasisuuf gootu akka deeggaraniif Mana Marichaaf dhiyaateera.
Itti aansuun waliigalteewwan 4 tajaajila qilleensaa Mootummoota Istiwaanii, Angoolaa, Rippaabilika Uummata Baangilaadish fi Rippaabilika Seeraaliyoona waliin taasifaman irratti mari’ateera.
Manni marichaas dhimmoota kanneen irratti erga mari’ateen booda wixineewwan labsii waliigaltee kanneen raggaasisan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka dabarfamaniif sagalee guutuun murteesseera.
Dhuma irratti Manni Marichaa kan mari’ate danbii hundeeffama Tajaajila Deebii Ibdiddaafi Balaawwan Tasaa Itiyoophiyaa irratti.
Tajaajilichi gurmaa’iinsa dhaabbataa balaawwan ibiddaafi tasaa biroo ittisuufi to’achuu dandeessisan hundeessuun balaawwan mudatan miidhaa cimaa osoo hin geessisiin to’achuuf, hojiileen misoomaafi invastimantii saaxilamummaa balaawwan ibiddaafi tasaa qabaachuu isaanii sakatta’uun yaaddoon yoo jiraateef tajaajila gorsaa ijaarsa deebii kennuu yoo hin jiraanne ammoo eeyyama kennuufi sirna to’annoo balaawwan ibiddaafi tasaa biyyaalessaa hogganuu akka danda’uuf danbiin kun qophaa’ee mana marichaaf dhiyaateera.
Manni Marichaas wixinee danbii kanarratti erga mari’ateen booda galteewwan dabaluun guyyaa gaazexaa Nagaarit irratti maxxanfamee baherraa kaasee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.
#Oromia #Ethiopia