Mareen biyyaalessaa milkaa’inaan akka xumuramu gahee keenya ni baana –Yaadasaa Nagaasaa
Finfinnee, Adoolessa 14, 2018 (FMC) – Mareen biyyaalessaa milkaa’inaan akka xumuramu gahee keenya ni baana jedhan daandii nagaa filachuun Yaa’ii Maree Biyyaalessaarratti hirmaataa kan jiran Yaadasaa Nagaasaa(Jaal Sanyii)’n.
Haalli hanga ammaatti jiru daran gaaridha, bu’aan isaas gaarii ta’a jedheen abdadha jedhan.
Bakka buutoonni naannolee hundaa fi bulchiinsota magaalaa irraa walitti babba’an mari’acharratti hirmaachaa jiraachuu eeruun, garee gareen mari’achuu eegaluu isaanii ibsan.
Mari’attoonni hundi yaada isaanii bilisummaan ibsachaa jiraachuu kaasuun, jalqabbiin jajjabeessaa ta’uu eeran.
Biyya kamittuu waldhabdeen kan hiikkatu mariin kan jedhna Yaadasaa Nagaasaan, mareen biyyaalessaa milkaa’inaan akka xumura gahee isaanii kan baha ta’uu eeran.
#Oromia #Ethiopia