Marichi biyyoota kaaniif fakkeenya ta’a- Ambaasaaddar Baankoolee Adooyyee
Finfinnee, Adoolessa 8, 2018(FMC)- Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa biyyoota kaaniif fakkeenya kan ta’udha jedhan Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Dhimmoota Siyaasaafi Nageenyaa Ambaasaaddar Baankoolee Adooyyeen.
Yaa’iin Marii biyyaalessaa guyyaa har’aa bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addisitti gaggeeffamuu eegaleera.
Ambaasaaddar Baankoolee Adooyyee sirna baniinsa yaa’ichaarratti ergaa dabarsaniin, mariin biyyaalessaa kun adeemsa ijaarsa sirna diimokiraasii fi tattaaffii nageenya waaraa mirkaneessuuf taasifamuuf ragaa guddaadha jedhaniiru.
Itiyoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuufi dirree siyaasaa keessatti walamantaa uumuuf akka gargaarus kaasaniiru.
Adeemsi marii kun Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane ardichaaf fakkeenya ta’uu kaasanii, mariiwwan akka Kanaa biyyoota Afrikaa biroo keessattis baratamuu akka qaban dubbataniiru.
Ajandaa 2063 Gamtichaa keessaa ardichatti nageenya mirkaneessuun tokko ta’uu eeruun, Gamtaan Afrikaa marii seena qabeessa kana guutummaatti ni deeggara jedhaniiru.
Ambaasaaddar Baankooleen waltajjicharratti Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa injifachuu isaan Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Paartii Badhaadhinaaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Miikiyaas Ayyalaan.
#Oromia #Ethiopia