Fana: At a Speed of Life!

Marichi imala Itiyoophiyaa guddoo ijaaruu dhugoomsa – Abbootii Amantaa

Finfinnee, Adoolessa 17, 2018 (FMC) – Mareen Biyyaalessaa imala Itiyoophiyaa guddoo ijaaruu dhugoomsa jedhan Abbootiin Amantaa Yaa’ii Maree Biyyaalessaarratti hirmaachaa jiran.

Sababoota walitti bu’iinsaa fi wal hubannoo dhabuun biyya gatii baasisaa jiran hiikuu kan kaayyeffate mariin biyyaalessaa kun Adooleessa 8 irraa eegalee Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Abbootiin amantii marii kana irratti hirmaatan, adeemsi marichaa hanga ammaatti lammiileen hundi yaada isaanii bilisaan kan itti ibsatan ta’uu fi hanqina malee gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hirmaataan marichaa Abbaa Waldasanbat Simi’oon, namoonni fedhii isaanii irratti hundaa’uun yaada isaanii afaaniinis ta’e barreeffamaan dhiyeeffachaa jiraachuu dubbataniiru.

Akka isaan jedhanitti, mariin kun rakkoo tokko malee haala gaariidhaan gaggeeffamaa jira; adeemsi marichaas amansiisaa ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis, hanga ammaatti akka biyyaatti waliin mari’achuu dhabuun miidhaa fideera; kana booda garuu garaagarummaa fi walitti bu’iinsa fedhii adda addaan osoo hin taane mariidhaan hiikuun aadaa keenya ta’uu qaba jedhaniiru.

Hirmaattonni yaada isaanii warra afaan hiikan fayyadamuun illee ibsachaa jiraachuu kan dubbatan ammoo Paastar Tasammaa Taaddasaati.

Akka isaan jedhanitti, adeemsa marii hanga ammaatti gaggeeffame keessatti yaadotni biyya fayyadan bal’inaan ka’aa jiru; mariinis haala gaariidhaan itti fufaa jira.

Paastar Tasammaan itti fufuunis, hirmaattonni naannolee, amantiiwwanii fi saboota garaagaraa irraa walitti dhufuun, yaada Itiyoophiyaa fayyadu jedhan bilisaan dhiyeessuun gahee isaanii bahachaa jiru jedhan.

Haajii Ibraahim Bariisoo gama isaaniin, mariin kun bilisummaa yaadaa fi wal hubannaan gaggeeffamaa jiraachuu ibsanii, rakkoolee tokkummaa fi mariidhaan hiikuun Itiyoophiyaa tokkummaan ishee eegame dhugoomsuuf murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Abbootiin amantii kunneen, adeemsa marii keessatti ‘anummaa’ caalaa “nuy” kan jedhuuf dursa kennuun hirmaattota biratti mul’ate abdii kan namaaf kennu ta’uu ibsanii, mul’anni Itiyoophiyaa guddoo ijaaruu kallattii gaarii irra jiraachuu dubbataniiru.

Abeel Nawaayiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.