Fana: At a Speed of Life!

Marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa qaroomteef…

Mariin biyyaalessaa gara dirree ammayyaa, naga qabeessaafi hirmaachisaa ta’eetti ce’uuf carraa seena qabeessa.

Garaagarteewwan siyaasaa, qoccolloowwan seenessa seenaa fi gaaffilee eenyummaa humnaan furuuf yaaliiwwan godhaman biyyattii miidhaa hawaasummaafi diinagdeef saaxilaniiru.

Kaayyoon ijoo Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundaa’eefis rakkoolee hundee gadi fageeffatan kanneen mariin hiikuun Itiyoophiyaa qaroomteefi badhaate ijaaruufi.

Biyya qaroomte keessatti garaagarteen yaadaa miidhaginaafi madda jabinaati malee waraanaaf sababa hin ta’an.

Siyaasni Itiyoophiyaa ilaalcha “ Kan ani jedhe yoo ta’uu baate biyyi haa diigamtu” jedhu keessaa bahee gara aadaa waldhaggeeffannaatti ce’uu qaba.

Mariin biyyaalessaa muuxannoo garaagartummaa falmii nagaan fi sababaan furuu gabbisa.

Paartileen siyaasaa, waldaaleen hawaasa siiviilii, abbootiin amantaalee, dubartoonni, dargaggoonni fi qaamoleen dhimmichi na ilaallata jedhan hundi sagaleen isaanii qixa akka dhagahamu taasisa.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa hundeeffama isaarraa kaasee kutaalee biyyattii garaagaraa akkasumas hawaasa diyaaspooraa irraa ajandaa walitti qabuun waltajjiiwwan marii bal’inaan gaggeessaa tureera.

Yeroo ammaa kanas adeemsi isaa sadarkaa murteessaarra gaheera. Ajandaalee gurguddoo adda baafaman saddet irratti mari’achuuf Adoolessa 8, 2018 Finfinneetti beellama qabateera.

Waltajjiiwwan hanga ammaatti mijeeffamaniin Itiyoophiyaanonni miiliyoonatti lakkaa’aman carraa egeree murteessuuf kallattiin fi karaa bakka bu’oota isaanii sagalee isaanii dhageessisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.