Mariin Biyyaalessaa boqonnaa seenaa egeree fi hireen Itiyoophiyaa waloon kan itti bocame dha – Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo
Finfinnee, Hagayya 16, 2018 (FMC) = Mariin Biyyaalessaa boqonnaa seena qabeessa egeree fi hireen Itiyoophiyaa waloon itti bocame dha jedhan Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoo.
Af-yaa’iin Taaggasee Caafoo, walgahiin Marii Biyyaalessaa seena qabeessi milkaa’inaan xumuramuu ilaalchisee, ummata Itiyoophiyaa hundaaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Ergaa isaanii keessattis, walgahiin kun Itiyoophiyaa cimtuu boruu ijaaruuf bu’uura kan kaa’e, akkasumas egeree fi hireen biyya keenyaa waliin kan itti bocame boqonnaa seenaa ti jedhan.
Kaayyoon ijoo adeemsa marii kanaa, dhimmoota bu’uuraa biyyaalessaa yeroo dheeraaf madda walitti bu’iinsaa ta’anii turan marii fi waliigalteen furuu ta’uus yaadachiisaniiru.
Mariin Biyyaalessaa kun seenaa Itiyoophiyaa keessatti waltajjii biyyaalessaa jalqabaa hunda hammatee fi bal’aa ta’uu isaan adda akka ta’es ibsaniiru.
Adeemsi mariichaa Labsii Lakkoofsa 1265/2014 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiin bahe irratti hundaa’uun, Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa qaama mootummaa federaalaa of danda’ee fi walaba ta’ee hundaa’een karaa sirna seera qabeessaan gaggeeffamuu yaadachiisaniiru.
Komishinichi erga hojii jalqabee kaasee hanga aanaa fi gandaatti gadi bu’uun, horsiisee bultoota, qonnaan bultoota, dubartoota, dargaggoota, qaama miidhamtoota, dhaabbilee amantii, paartilee siyaasaa, waldaalee hawaasummaa fi Diyaaspooraa hirmaachisuun hojii bal’aa hojjechuu ibsaniiru.
Hojii bal’aan kun amanamummaa fi fudhatama uummataa adeemsa Marii Biyyaalessaaf qabu mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuus kaasaniiru.
Ajandaa uummataa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu irraa walitti qabame irratti hundaa’uun, ajandaalee biyyaalessaa gurguddoo saddeet irratti hirmaattonni 4,000 ol biyyattii bakka garaagaraa irraa walitti dhufan marii bal’aa karaa nagaa fi dimokraatawaa ta’een gaggeessuun waliigaltee walooi irra ga’uu isaanii ibsaniiru.
Kanaanis, siyaasaa humnaa fi waraanaa hambisuun rakkoolee karaa marii fi teessuma tokko irra taa’uun furuun akka danda’amu agarsiisuun danda’ameeras jedhan.
Walgahichi milkaa’inaan xumuramuun, yaadawwan gurguddoon biyyaaf bu’uura furmaata waaraa ta’an hedduun akka maddan eeraniiru.
Yaadawwan kunneen fooyya’iinsa imaammata itti aanuuf, jijjiirama heera mootummaa fi dhaabbilee mootummaa, akkasumas araaraa waaraa fi waliigaltee biyyaalessaaf bu’uura kan kaa’an ta’uus ibsaniiru.
Galmi guddaan marii biyyaalessaa, cabiinsa seenaa kaleessaa fayyisuun dhaloota dhufuuf biyya nageenyi ishee eegame fi badhaadhinni ishee mirkanaa’e dabarsuu ta’uu kan ibsan Af-yaa’iin Taaggasee Caafoo, ummanni Itiyoophiyaa, humnoonni siyaasaa fi qaamoleen mootummaa hundi bu’aawwan marii irraa argaman abbummaan eeguun gara hojiitti akka hiikan waamicha dhiyeessaniiru.