Mariin biyyaalessaa milkaa’inaan xumurame – Komiishinicha
Finfinnee, Hagayya 16, 2018 (FMC) — Adoolessa 8, 2018 ifatti kan jalqabame Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, adeemsa marii torbanootaaf tureen booda har’a milkaa’inaan xumuramuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise.’
Itti Aantuun Komishinaraa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hiruut Gabrasillaasee, xumuramuu yaa’ichaa ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennaniin, waltajjii seena qabeessa kana irratti Itiyoophiyaanonni 4,000 walitti dhufuun ajandaa biyyaalessaa bu’uuraa saddeet irratti marii bal’aa gaggeessaa turuu yaadachiisaniiru.’
Mari’attoonni kunneen dhuma irratti yaadawwan furmaataa garaagarummaa waggoota dheeraaf tureef furmaata ta’uu danda’an qindeessuun Komishinichaaf dhiyeessuu isaanii itti dabaluun ibsaniiru.
Adeemsa mariichaa keessatti, dhimmoota tokko tokko irratti mari’attoonni salphaatti walii galuun, dhimmoota biroo irratti immoo yeroo fudhatanii marii cimaa gaggeessuun, dhuma irratti dhimmoota hedduu irratti waliigaltee irra ga’uu ibsaniiru.
Komishinichi adeemsa mariichaa yeroo hordofu, waltajjiiwwan marii hundi wal-dhaggeeffachuu, wal-kabajuu fi wal-danda’uu irratti hundaa’uun gaggeeffamaa turuu mirkaneessuu danda’uu himaniiru.
Kaayyoon Marii Biyyaalessaa, qooda fudhattoonni garaagarummaa qaban mari’achuun, waliigaltee waloo uumuu fi waliigaltee kana irratti hundaa’uun gara fuulduraatti waliin deemuuf carraa uumuu akka ta’e ibsaniiru.
Mariin Biyyaalessaa adeemsa mo’ataa fi mo’atamaa adda baasuuf gaggeeffamu miti kan jedhan Komiishinneerri itti aantuun Hiruut, dorgommii qaamni tokko itti mo’amee qaamni biraa itti mo’atu akka hintaanes hubachiisaniiru.
Akka ibsa isaaniitti, adeemsa marii kana keessatti Itiyoophiyaanonni wal baruudhaan hariiroo cimaa uumaniiru; ilaalcha garaagaraa dhaggeeffataniiru; qormaata biyya keenyaa ilaalchisee yaada wal jijjiiraniiru; dhuma irrattis waliigaltee irra ga’aniiru.
Yaa’iin Marii Biyyaalessaa kun, Itiyoophiyaan garaagarummaa yaadaa akka biyyaatti qabdu marii irratti hundaa’uun furuun akka dandeessu kan agarsiise, boqonnaa seena qabeessa ta’uu ibsaniiru.
Dhuma irrattis, qaamolee milkaa’ina Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf gumaacha taasisan hundaaf maqaa Komishinichaan galata dhiyeessaniiru.