Fana: At a Speed of Life!

Mariin Garee Tarsiima’aan Bor Jalqabama – Pirofeesar Masfin Ar’aayaa

Finfinnee, Adooleessa 21, 2018 (FMC) – Komiishinarri Olaanaan Komiishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Pirofeesar Masfin Ar’aayaa, mariin garee tarsiima’aan kan Gumii Marii Biyyaalessaa bor irraa eegalee akka jalqabu ibsan.

Komiishinar Masfin har’a ibsa kennaniin, hirmaattoonni waltajjii marii irratti yaada isaanii dhiyeessaa, wal dhaggeeffatanii mari’achaa akka jiran himaniiru.

Hanga ammaatti mariin kun haala gaariidhaan gaggeeffamaa jiraachuu ibsanii, sadarkaa garee garaagaraatti mariin gaggeeffamaa turuus yaadachiisaniiru.

Bor irraa eegalee mariin garee tarsiima’aan akka jalqabamu eeraniiru.

Gareen tarsiima’aa hirmaattota hunda keessaa kan filatame yoo ta’u, hirmaattota 250 of keessaa akka qabus ibsaniiru.

Kanaan dura gareewwan xixiqqaan miseensota marii kudhan-kudhan of keessaa qabanii fi gareewwan xiqqaan miseensota shantama-shantama qabu ajandaawwan dhiyaatan irratti mari’achuu yaadachiisaniiru.

Amma garuu gara garee tarsiima’aa miseensota marii 250 qabuutti ce’uu ibsanii, ajandaawwanis marii garee tarsiima’aa keessatti bal’inaan akka irratti mari’ataman dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.