Fana: At a Speed of Life!

Mawuliidaa fi Miidhagina Waloo

Finfinnee, Hagayya 19, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan biyya amantiiwwan garaagaraa fi aadaalee gaggaarii hedduu qabdudha.
Akkasumas biyya walqixxummaan dhala namaa fi obbolummaan qabatamaan keessatti calaqqisu.

Duudhaan walkabajuufi waliif yaaduu kun keessumaa yeroo ayyaanota amantii ifatti kan mul’atuudha.

Ayyaanota gurguddoo kanneen keessaa Ayyaanni Mawuliidaa tokko yoo ta’u, taatee guddaa tokkummaa, miidhagina fi jaalala uummattoota Itiyoophiyaa calaqqisiisudha.

Mawuliidni ayyaana guddaa hordoftoonni amantii Islaamaa; guyyaa dhaloota Nabiyyuu Muhammad, fakkeenyummaa gaarii fi gara-laafina isaanii ittiin yaadatanidha.

Mawuliidaan dhalli namaa naamusaa fi jaalala waliif qabaachuu akka qabu ayyaana labsudha.

Ayyaanni Mawuliidaa naannolee Itiyoophiyaa garaagaraa keessatti kabajamu garaagarummaan miidhagina ta’uu isaaf ragaa ba’a.

Yeroo ayyaanichaa, olloonni, hiriyoonnii fi waahillan hojii kanneen Musliimota hin taane, warreen amanticha hordofan walii maaddiifi gammachuu qooddachuun hawwii gaarii waliif ibsu.

Aadaan miidhagaan kun Itiyoophiyaanonni garaagarummaa isaanii keessatti tokko ta’anii waliin jiraachuu akka danda’an ragaa qabatamaadha.

Mawuliidni ayyaana amantii waggaa waggaadhaan kabajamu ta’us, duudhaan inni dabarsu garuu kabaja ayyaana guyyaa tokkoo yookaan waqtii tokko qofaan kan daangeffamu miti.

Gara-laafina dhala namaaf qabaachuu, ogummaa garaagarummaa kabajanii fudhachuu, nagaaf dursa kennuu fi amantii namoota biroo kabajuun duudhaalee hawaasummaa ijoo ayyaanichaa keessaa muraasadha.

Nagaan, jaalalli fi waliif yaaduun ayyaanicha irratti calaqqisiifaman ibsituuwwan namoomaa hundi qabaachuu qabudha.

Ayyaanni Mawuliidaa kumni 1 fi 501ffaan guyyaa har’aa kabajamaa jira.

Amalawarqi Damisoon.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.