Fana: At a Speed of Life!

Maxxansi Sartafikeetii digirii giddugala tokko qofaatti ta’uufi

Finfinnee, Caamsaa 4, 2018 (FMC) – Hojiin maxxansa sartafikeetii digirii dhaabbilee barnoota olaanoo giddugala tokko qofaatti raawwatamuufi jedhe Ministeerri Barnootaa.

Ministeerichatti Dursaan Hojii Raawwachiisaa Bulchiinsaafi Bu’uuraalee Misoomaa Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Salamoon Abrahaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti akka himanitti, hojimaanni kun ragaalee barnootaa sobaa ittisuuf kan kaayyeffatedha.

Kanaan dura dhaabbileen barnoota olaanoo hundi ragaalee barattootaa dhaabbata caalbaasii injifateen kan maxxansiisan ta’uu yaadachiisanii, hojimaanni kun ragaalee barnootaa sobaaf saaxilamaa akka ture ibsan.

Waan ta’eef dhaabbileen barnoota olaanoo mootummaafi dhuunfaa hundi sartafikeetii digirii barattootaa giddugala tokko qofaatti akka maxxansiisan ni godhama jedhaniiru.

Sartifikeetiin kun hanga maxxanfamutti barattoota sartifikeetii digirii barbaadaniif Ministeerri Barnootaa xalayaa deeggarsaa kan barreessu ta’uu kaasanii, maxxansi sartifikeetii digirii giddugala tokkotti raawwatamu kun bara kana irraa akka eegalu eeraniiru.

Barattoota bara 2017 eebbifaman dabalatee warreen Kanaan booda eebbifaman hundi sartifikeetii digirii giddugala tokkotti maxxanfame akka fudhatan ni taasifamas jedhan.

Barattoonni bara 2017 dura eebbifamanii digirii isaanii hin fudhanne hojimaata haaraan kan keessumsiifaman ta’uus hubachiisaniiru.

Kenniinsi ragaalee barnootaa yeroo gabaabaa(Temporary Degree) dhaabbilee barnootaa olaanoon kennamaa ture kan itti fufu ta’uus ibsaniiru.

Yeroo ammaa dhaabbilee federaalaa 160 ol keessatti hojiin ragaalee barnootaa sobaa qulqulleessuu hojjetamaa jiraachuu kaasuun, yeroo itti aanutti naannoleefi damee dhuunfaa irratti kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.

Masaafint Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.