Fana: At a Speed of Life!

Meekaanaayizeeshiniin Qonnaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf bu’ura

Finfinnee, Ebla 30, 2018 (FMC) – Meekaanaayizeeshiniin qonnaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuufi oomishaafi oomishtummaa dabaluun bu’aa olaanaa agarsiisaa jira jedhe Biiroon Qonnaa Oromiyaa.

Mootummaan Naannoo Oromiya Meekaanayizeeshinii akka inisheetiiviittti hojiirra oolchuu Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daayrektarri Meekaaniyizeeshinii Obbo Masqaluu Tulluu Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni naannichaas kilaasteraan misoomsuun meekaanaayizeeshinii fayyadamanii oomishaa fi oomishtummaa isaanii guddisaa jiraachuu dubbataniiru.

Qonni meekaanaayizeeshiniin deeggarame oomishaa fi oomishtummaa dabaluun qisaasama oomishaa kan hir’isuudha jedhan.

Naannichatti bara kana Tiraaktaronni kumni 1fi 200 raabsamuu ibsuun, hanga xumura bara baajatichaatti kuma 2 qaqqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Masqaluun kaasaniiru.

Tiraakteroonni kunneen gatii madaalawaan qonnaan Bultootaaf dhiyaachuu dubbataniiru.

Akkasumas Paampiiwwan oomisha Qamadii Bonee fi kuduraalee fi Muduraaleef barbaachiisoo ta’an raabsamuu himaniiru.

Koombaayinaroonni oomishaa sassabuuf gargaaranis 45 raabasamuu eeran.

Qonna Arfaasaa bara kana hanga ammaatti qotame hektaara miiliyoona 1.9 keessaa, miiliyoonni 1 ol Tiraakteraan kan qotamaniifi qonnaan bultoonni Itti fayyadama teeknooloojitti madaquu ibsaniiru.

Qonna gannaan bara kanaan lafa heektaara miiliyoona 11 qotuuf karoorfame keessaa miiliyoonni 6 ol tiraakteraan qotuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhan.

Meekaanaayizeeshiniin qonnaa imala Itiyoophiyaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf taasiftuuf utubaa ta’uu akeekaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.