Meeshaaleen filannoo gara giddugala filannoo Naannootti geeffamaa jiru
Finfinnee, Caamsaa 25, 2018 (FMC) – Kutaalee Itiyoophiyaa adda addaatti meeshaaleen filannoo buufataalee filanno irraa gara giddugala filannoo Naannootti geeffamaa jiru.
Adeemsi sagalee lakkaa’uu filannoo waliigalaa 7ffaa xumuramuun buufataaleen filannoo har’a barii eegalanii bu’aa filannoo maxxansaa jiru.
Dabalataan meeshaaleen filannoo buufataalee filannootii walitti qabamuun gara giddugala naannolee filannootti geeffamaa jiraachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibseera.
#Oromia #Ethiopia