Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 900 fi miiliyoona 89 olitti tilmaamaman to’ataman
Finfinnee, Waxabajjii 5, 2018 (FMC) – Komishiniin Gumruukaa meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 900 fi miiliyoona 89 olitti tilmaamaman to’atamaniiru jedhe.
Kanneen keessaa Birrii miiliyoona 900 fi miiliyoona 69 fi kuma 400’tti kan tilmaamaman meeshaalee alaa galan yoo ta’an, meeshaaleen al-ergii ammoo Birrii miiliyoona 20 fi kuma 500’tti kan tilmaamaman ta’uu beeksiseera.
Meeshaaleen kunneen hordoffii komishinichi poolisii federaalaafi dhaabbilee poolisii naannolee akkasumas hawaasa waliin ta’uun Caamsaa 27, 2018 hanga Waxabajjii 3, 2018’tti taasiseen to’atamuu eereera.
Meeshaalee kanneen dabalataan namoonni meeshaalee kanneen daddabarsuun shakkaman 16 fi konkolaattonni 21 to’atamuu ibseera.
Meeshaaleen to’atamanis uffannaalee, meeshaalee elektirooniksii, ijaarsaa, buna, midhaan dheedhii, meeshaalee jijjiirraa qaama konkolaataa, meeshaalee miidhaginaa, jimaa, baala sammuu namaa hadoochu, qorichoota, albuudota, beelladootaafi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu eereera.
Dhiibbaa kontiroobaandiin diinagdee biyyaarraan gahu ittisuuf qaamoleen qooda fudhattootaa fi hawaasni qooda isaanii bahachuu akka qaban komishinichi Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia