Miidhaa Hubannoo Namtolcheen Geessisuu Danda’u Ittisuuf Seeraan Hogganamuu Barbaachisa – Antooniyoo Gutareez
Finfinnee, Waxabajjii 29, 2018 (FMC) – Dhibbaa faallaa teeknoolojiin hubannoo namtolchee keessattuu daaimman irratti fiduu danda’u ittisuuf seeraan hoogganamuu barbaachisa jedhan Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez.
Antooniyoo Gutareez kana kan jedhan, waltajjii idil-addunyaa dhimma teeknoolojii hubannoo namtolchee irratti sadarkaa mootummootaatti yeroo jalqabaatiif Jeneevaatti gaggeeffame irratti.
Teeknoolojiin kun diinagdee addunyaa, filannoo, carraalee hojii akkasumas haala nageenyaa fi tasgabbii murteessuuf dandeettii akka qabu ibsanii, ta’us teeknoolojii kana warra uumaniyyuu haala tajaajila isaa to’achuu hin dandeenyeen saffisa jabaan guddachaa jiraachuun akka isaan yaaddesse ibsaniiru.
Carraawwan gaarii teeknoolojii kanaa sirnaan itti fayyadamuu fi miidhaa inni keessattuu daa’imman irraan ga’uu danda’u ittisuuf, seerri idil-addunyaa ittiin hoogganamu hojiirra ooluu akka qabu cimsanii hubachiisaniiru.
Waltajjii kanarratti miidhaa teeknoolojiin hubannoo namtolchee fidu hambisuu fi carraalee gaarii isaa sirnaan fayyadamuuf seeroonni dandeessisan haala itti qophaa’an irratti akka mari’atamu Rooyitarsi gabaaseera.
Gareen ogeessotaa miseensota 40 qabu hojiirra oolmaa teeknoolojii kanaa irratti qorannoo gaggeesse bu’uureffachuun, argannoowwan saayinsii kora kanarratti dhiyaachuunis ibsameera.
#Oromia #Ethiopia