Milkaa’ina karoora of-danda’uutiif abbaan uummata bal’aadha – Dooktar Mangistuu Baqqalaa
Finfinnee, Onkololeessa 15, 2019 (FMC) – Milkaa’ina karoora of-danda’uutiif abbaan uummata bal’aadha jedhan Bulchaa Godina Giddu Galeessaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan.
Karoorri of danda’uu fedhiifi gaaffii uummataa kan deebisu akkasumas, fayyadamummaa uummataa sadarkaa olaanaan kan mirkaneessuu jedhan.
Naannoon Oromiyaa qormaata keessaatti jijjiirama agarsiisaa jiruun qophaa’ummaan hooggansaa fi uummataa galma qabamee hojjetamaa jiruuf bu’uura jabaa ta’uu kaasan.
Karoora of danda’uu galmaan gahuuf gahumsa, kaka’uumsaa fi qindoominni hooggansaa fi uummataa murteessaa ta’uufi ergama fudhate beekee hooggansi sirnaan hoogganuu, bulchuufi fayyadamummaa uummataa dhugoomsuun dirqama ta’uu ibsan.
Raawwii hojii hanga ammaatti jiruun kaka’umsii jiru gaarii ta’us, yaadama karoora of danda’uutin yoo madaalamu hojiin guddaan kan hafu ta’uu eeran.
Dilbii qabeenya uumaatti fayyadamuun birmadummaa diinagdee fi wabii nyaataa mirkaneessuun dhimma ijoo ta’uu Dooktar Mangistuun yaadachiisuu ragaan TKO irraa argame ni mul’isa.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa