Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’ina misooma qamadii rakkoo wabii midhaan nyaataa fure…

Maqaan ishee hanqina midhaan nyaataa fi deeggarsa alaan ka’aa kan ture Itiyoophiyaan yeroo ammaa kana tattaaffii ijoolleesheen Afrikaarraa biyya qamadii oomishuun beekamtu taateetti.

Bu’aa kanaaf gahee leencaa kan bahate kutannoo hoggansaafi jijjiirama imaammataa yoo ta’u imalli ejjennoofi amantaa cimaa lafti bonaafi ganna hagabuu buluu hin qabu jedhuun eegalame milkaa’ina dinqisiisaa galmeessiseera.

Bu’aan kun agarsiistuu milkaa’ina imaammataa jechaa gara gochaatti ce’eeti.

Guddinni qabatamaan waggoottan muraasa darbanitti damee qonnaarratti mul’ate kallattii imala diinagdeefi hawaasummaa biyyattiis jijjiireera.

Ce’umsi hirkatummaa roobaa jalaa bahuun gara misooma jallisiitti taasifame Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa ishee misoomaaf oolchuu eegaluu qabatamaan agarsiiseera.

Jijjiiramaan asitti milkaa’inni misoomni qamadii agarsiisaa dhufe galma biyyattiin nyaataan of danda’uuf qabatte karoora qabame dursitee akka milkeessitu ishee dandeessiseera.

Keessumaa damee misooma qamadiin milkaa’inoonni dinqisiisoon galmaa’aa kan jiran yoo ta’u, guddinni waggoottan muraasa darban keessatti mul’ate galma biyyattiin nyaataan of danda’uuf qabatte gochaa qabatamaan agarsiiseera.

Lafti jallisiin misoomu sadarkaa olaanaan guddachuun Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa ishee haalaan fayyadamuun misoomaaf oolchuu eegaluu kan agarsiisudha.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaan bara kana qamadii kuntaala miiliyoona 300 fi miiliyoona 30 ol oomishuun Afrikaarraa sadarkaa 1ffaa akka taate ifoomsaniiru.

Milkaa’inni kunis kutannoon hojjechuufi yaadota haaraa maddisiisuuf humna ta’a.

Misoomni qamadii amantaa cimaa ‘lafti hagabuu buluu hin qabu, kadhaa keessaa bahuu qabna, lafa qotamuu danda’u bal’aa qabna’ jedhuun eegalame milkaa’ina olaanaarra gaheera.

Itiyoophiyaan waggoottan shanan jahan dura biyya qamadii alaa galchitu qofa osoo hin taane toora biyyoota oomisha gadi aanaa oomishanitti ramadamti ture.

Haa ta’u malee yeroo ammaa damichaan jijjiiramni ajaa’ibsiisaan argameera.

Ganna darbe qofa lafti heektaarri miiliyoonni 4 fi kumni 400 akkasumas misooma boneen lafti heektaarri miiliyoonni 3 fi kumni 800 oomisha qamadiin uwwifameera.

Walumaa gala lafa heektaara miiliyoona 8 ol qotuun oomishni kuntaalli miiliyoonni 300 fi miiliyoonni 30 ol argameera.

Kunis Itiyoophiyaan oomisha qamadiin Afrikaarraa sadarkaa 1ffaarra akka teessu ishee taasiseera.

Milkaa’inni misooma qamadii bu’aa qonna ammayyaa hoggansa imaammataa mootummaafi kutannoo uummataa kan agarsiisudha.

Mata dureen “lafti hagabuu buluu hin qabu” jedhu hiyyummaafi rakkoo wabii midhaan nyaataa biyyattiin qabdu furuu danda’eera.

Milkaa’inni kun Itiyoophiyaan oomishtummaa qonnaa guddisuun bilisummaa diinagdee gonfattuuf boqonnaa jalqabaafi murteessaadha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.