Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’inoota damee barnootaa…

Finfinnee, Ebla 21, 2018(FMC)- Waggoottan saddettan darban keessa damee barnootaa irratti jijjiirama qabatamaa fiduuf hojii bal’aan hojjetamaa tureera.

Damichaan qulqullina barnootaa fooyyessuufi waliingahiinsa barnootaa irratti hojiilee gurguddoon hojjetamaniiru.

Waggoottan darban keessa barsiisotaafi hoggansa damichaa kuma 100 fi kuma 13 fi 340’f leenjii waqtii gannaan leenjiin ijaarsa dandeettii kennameera.

Babal’ina manneen barnootaa idilee duraan walqabatees baay’inni lakkoofsa manneen barnootaa kanneenii kuma 4 fi 840 ture kuma 34 ol irra gaheera.

Akka ragaan Ministeera Barnootaa mul’isutti aanaalee manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa idileen duraa waliin hin geenyetti manneen barnootaa kuma 1 fi 452 ijaaruuf karoorri qabameera.

Sagantaa nyaata barattootaa irrattis hojii jajjabeessaan kan hojjetame yoo ta’u hangi barattoota sagantaa Kanaan fayyadamoo ta’anii waggoota afur keessatti miiliyoona 1.7 irraa gara miiliyoona 8’tti guddateera.

Hojiilee riifoormii dhaabbilee barnoota olaanoo irratti hojjetameenis Sirna bulchiinsa odeeffannoo diijitaalessuun odeeffannoo amanamaa ta’e argachuun eegalameera.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa karaa oonlaayiniin kennuu irrattis bu’aa jajjabeessaan argamaa jira.

Hangi barattoota qormaaticha karaa oonlaayinii fudhatanii bara 2016 %4.4 kan ture yoo ta’u bara 2017’tti gara %23.2’tti guddachuu danda’eera.

Lakkoofsi barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatanii %50 ol fidanii ammoo %3.3 irraa gara %8.9’tti guddateera.

Bara kanas qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa guutummaatti karaa oonlaayinii kennuuf qophiin taasifamaa akka ture ibsamuun kan yaadatamudha.

Kana malees yaadama Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad kan ta’e sosochii ‘Barnoonni Dhalootaaf’ jedhuun ijaarsi manneen barnootaa, suphaan manneen barnootaa buleeyyii, ijaarsi dareewwan barnootaa dabalataa hojjetaman bu’aa guddaa fidaniiru.

Akka ragaa ministeerichaatti sosochiin kun kaka’umsa hawaasni barnoota deeggaruuf qabu kan mul’isedhas.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.