Ministeerri Galiiwwanii pirojeektoota guguddoo biyyaalessaaf deeggarsa bulchiinsa galii ni kenna – Aadde Ayinaalam Niguusee
Finfinnee, Adooleessa 18, 2018 (FMC) – Ministeerri Galiiwwanii pirojeektoota guguddoo biyyaalessaaf damee daldala saffisiisuu fi bulchiinsa galii bu’a qabeessaaan deeggarsa ni kenna jedhan Ministirri Galiiwwanii Aadde Aayinaalam Niguusee.
Hoggantoonni olaanoon Ministeera Galiiwwanii fi Komishiniin Gumurukaa Itoophiyaa akkasumas hojii gaggeessitoonni dameewwan isaanii hundi Pirojeektii Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu fi Humna Qilleensaa mootummaa Federaalaa daawwatan.
Daawwannicharratti, pirojektoonni kunneen dhaabbilee tajaajila isaanii ammayyeessuu, babal’isuu fi sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa taasisuu keessatti jijjiirama qabatamaa fiduu isaanii hoggantoonni kunneen ibsaniiru.
Ministirri Galiiwwanii Aadde Ayinaalam Niguusee gama isaaniin, pirojektoonni bu’uura misoomaa guguddoon dhalootaaf bu’aa waaraa qaban guddina dinagdee, carraa hojii uumuu, invastimantii babal’isuu fi dandeettii galii mootummaa guddisuu keessatti gahee murteessaa akka qaban ibsaniiru.
Ministeerri Galiiwwaniifi Komishiniin Gumurukaa Itoophiyaa pirojektoota biyyaalessaa kunneen tajaajila gumurukaa ammayyaa, daldala saffisiisuu fi bulchiinsa galii bu’a qabeessa ta’een deeggarsa akka kennan ibsaniiru.
Daawwiit Gosaayeetiin
#Oromia #Ethiopia