Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Itti Aanaa Naayijeeriyaa Waliin Mari’atan
Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Itti Aanaa Naayijeeriyaa Kaashiim Shettiimaa waliin mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, daawwannaa hojii guyyoota sadii Itiyoophiyaa keessatti taasisuu fi muuxannoo hooggansa olaanaa waljijjiiruuf jila dhufe kan hogganan Pirezidaantii Itti Aanaa Naayijeeriyaa Kaashiim Shettiimaa waliin mari’achuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Naayijeeriyaan biyyoota saboota hedduu, aadaa garaagaraa fi baay’ina uummataa guddaa qaban ta’uus eeraniiru.
Kunis tumsa biyyoota lamaan gidduu jiru cimsanii itti fufsiisuu fi muuxannoo waliif qooduuf carraa gaarii akka kennu hubachiisaniiru.
#MootummaaIda’amuu