Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Qe’ee Moodela Hamaasaa eebisan

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2018(FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Qe’ee Moodela Hamaasaa qaama misooma koriidarii baadiyyaa ifatti eebisaniiru.

Dooktar Abiy ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, lafa heektaara 79.4 irratti kan argamuu fi qaama misooma koriidarii baadiyyaa kan ta’e Qe’ee Moodela Hamaasaa ammayyaa’aa ifatti eebbisneerra jedhan.

Qe’een kun jireenyaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuuf kan gargaaran kutaalee dhiqannaa ammayyaa, bakka kuduraalee, bakka bultii beelladootaa, baayoo gaazii fi gaagurawwan kanniisaa waan guuttateef badhaadhina hundagaleessa jiraattotaa ni mirkaneessas jechuun ibsan.

‎Qe’een moodelli kun bu’aa jiraataa rifoormii biyyattiitti hojiirra oolaa jiruu kabaja, miijatinaa fi fayyadamummaa dinagdee hawaasa baadiyyaa sadarkaa olaanaatti ceesise akka ta’es hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.