Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Sheek Kaalid Biin Mahaammad Biin Zaayid Al Naahyaan(phd) waliin mari’atan
Finfinnee, Fulbaana 2, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, dhaaltuu gonfoo mootii Abu Dhaabii kan ta’an, Sheek Kaalid Biin Mahaammad Biin Zaayid Al Naahyaan(Phd) waliin dhimmoota hariiroo fi tumsa Itiyoophiyaa fi Emireetota Arabaa Gamtoomanii cimsan irratti mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin akka ibsanitti, Yaa’ii BRICS+ 18ffaa cinaatti ilma mooticha Abu Dhaabii Sheek Kaalid Biin Mahaammad Biin Zaayid Al Naahyaan waliin mari’achuu himaniiru.
Mariin isaanii ajandaalee dursaa BRICS+ ijoo ta’aniifi adeemsa tumsa hunda galeessa Itiyoophiyaa fi Emireetota Arabaa Gamtoomanii gidduu jiru daran cimsuuf taasifamaa jiru irratti kan xiyyeeffate ta’uu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia