Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xuruunaa ayyaana Mawliidaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Hagayya 18, 2018 (FMC) –Ministirri Muummee Itti Aanaan Tamasgeen Xiruuneh Ayyaana dhaloota Nabiyyuu Mahammad (SAW) waggaa 1501ffaa ilaachisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaan guutuun Itti Aanaan Ministira Muummee dabarsan akka armaan gadiitti dhiyaateera:

Baga Ayyaana Mawuliidaa Nabiyyuu Mahaammad (SAW) waggaa 1501ffaan isin ga’e!

Mawuliidni ayyaana namoota gurguddoo keenya itti yaadannu, tumsaafi waliin jireenya, walmararsiifachuu fi waljaallachuu keenya hojiin mul’isnuudha. Kan qabu kan hin qabneef kan itti qoodu, hariiroon hawaasummaa itti cimuufi tokkummaan waliin itti dabarsinu ayyaana guddaadha.

Ayyaana kana kan kabajnu barsiisaafi hojii gaarii Nabiyyuu Mahaammad (SAW), raamata addunyaa ta’anii, warra gaarii ta’aniif oduu gammachiisaa kan dabarsanii fi hordoftoota isaaniif halaalaafi haraama kan barsiisan ta’uu ittiin yaadachuufi kabajuufidha.

Hojiileen gaariin Nabiyyuu Mahaammad (SAW) har’as osoo hin dukkanaa’in ifa ta’anii, osoo hin haqamin jiraataa ta’anii itti fufaniiru. Ayyaana kana yeroo kabajnu, duudhaa guutuu gaarummaa, jaalalaafi waliin jireenya, nagaa, walii yaaduu akkasumas obboloota keenya rakkoo keessa jiran gargaaruu irratti hundaa’uun ta’uu qaba.

Kaayyoo gaarii itti dhaabbanneef ciminaan hojjechuu, hojii gaarii warra kaaniif bu’aa buusu hojjechuu, ashaaraa biyyiifi ummatni ittiin nu yaadatan hojjechuu, cichoominaan dhaabbachuu, akkasumas beekumsaafi obsa fayyadamuun gara galma keenyaatti imaluun barbaachisaadha.

Irra deebi’uun, baga Ayyaana Mawuliidaa Nabiyyuu Muhammad (SAW) waggaa 1501ffaa nagaan geessan!

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.