Mirga keenya fayyadamuun Paartii sirna ijaarsa biyyaa cimsee itti fufsiisu filachuuf qophoofneerra – Jiraattota
Finfinnee, Caamsaa 13, 2018(FMC) -Hiree mirga ofii ofiin murteeffachuuf Heera Mootummaan nuuf kenname fayyadamnee paartii sirna ijaaramaa jiru cimsee itti fufsiisu danda’u filachuuf qophaa’aa jirra jedhan jirattonni magaalaa Shaggar kutaa magaalaa kooyyee Faccee.
Jiraattonni kunniin Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, akka naannawa isaaniitti uummanni bal’inaan ba’ee kan galmaa’e yoo ya’u, guyyaa filannoottis sagalee isaa kennuuf waldadammaqsaa jira.
Jiraattota kaneen keessaa obbo Taaddasaa Gaddafaa fi obbo Dhaabaa kanneen jedhaman walfalmii paartileen siyaasaa karaa miidiyaalee adda addaa geggeessan bu’uureffachuun paartii biyyattii ceesisuu danda’a jedhanii abdatam filachuuf murteeffatanii guyyaa filannoo eeggachaa akka jiran himaniiru.
Walfalmii paartilee miidiyaaleen tamsa’aa tureen qophaa’ina fi dandeettii mul’ata guddinaa biyyattii milkeessuuf qaban irratti garaagarummaa paartilee gidduu jiru sirriitti adda baafachuus ibsaniiru.
Dargaggoo Dassaalanyi Mararaa fi Dargaggoo Daadhiin gama isaaniin paartii yoo aangoo mootummaa qabate faayidaa dargaggootaa kabajchiisuu danda’u, misoomaa fi nageenya guutummaatti mirkaneessuun biyyattii fuulduratti deemsisuuf ga’umsa siyaasaa qaba jedhan filachuuf qophaa’uu dubbatan.
Kanaafis bakka jireenyaa isaaniin wal kakaasaa fi wal hubachiisaa akka jiranii fi adeemsa filannoo irratti hubannaan hawaasa bira jiru gaarii ta’uu eeraniiru.
Aadde Kitaabee Hirphoo fi Aadde Siimaa Usmaa’elis paartii yoo mootummaa ta’e mirgaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuun guddinaa fi walqixxummaa isaaniif hojjechuu danda’u filanna jedhanii qophaa’aa jiraachuu himaniiru.
Filannoon karaa ittiin mirga diimokiraasii fi aangoo Heera Mootummaan kenname kabajchiifatan waan ta’eef, kan filachuuf galmaa’e hundi guyyaa filannoo ba’ee akka filatuufis dhaamaniiru.
Yoonaataan Biraanuutiin
#Oromia #Ethiopia