Mootummaan deeggarsa Komishinichaaf taasisu cimsee itii fufa- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Caamsaa 7, 2018 (FMC)- Mootummaan deeggarsa Komishinii Marii Biyyaalessaaf taasisu cimsee itii fufa jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Komishinichi gabaasa hojiilee hanga ammaatti hojjeteefi karoora gara fuulduraa bakka hoggantoonni mootummaa federaalaafi naannolee argamanitti dhiyeesseera.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad waltajjicharratti, qaamolee yaadama isaa irraa eegalee hojii hanga ammaatti hojjetame keessatti hirmaatan galateeffataniiru.
Adeemsa marii biyyaalessaan muuxannoo hedduun argamaa jiraachuu kaasanii, mootummaan bu’uura murtoo Kanaan dura murteesseen komishinichaaf deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Adeemsi isaa warreen kaaniif fakkeenya kan ta’uufi Itiyoophiyaa egeree waloon ijaaruuf karoorfamee kan hojjetame ta’uus eeraniiru.
Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan gama isaaniin, hojiileen komishinichi waggoottan darban irraa eegalee hojjechaa ture boqonnaa xumuraarra gahuu beeksisaaniiru.
Komishinichi guyyaa itti gaafatamummaa fudhatee gara hojiitti seene irraa eegalee hirmaattota adda baasuurraa hanga ajandaa walitti qabuutti hammataafi hirmaachisaa akka ture ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia