Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan gaaffii bu’uuraalee misoomaa deebisuuf hojjechaa jira – Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan

Finfinnee, Caamsaa 12, 2018 (FMC) –Bulchiinsa Magaalaa Shaggarii fi Godina Arsii Lixaatti Piroojektoonni bishaan dhugaatii qulqulluu eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’an.

Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sulultaa Aanaa Abbaa Gadaatti Piroojeektiin bishaan dhugaatii qulqulluu baajeta Mootummaa Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 79 oliin ijaarame eebbifamuun tajaajila eegaleera.

Piroojeektichi abbootii warraa kuma 13 fi137 kan tajaajiludha.

Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan sirna eebba Piroojeektichaa irratti argamuun ergaa dabarsaniin, Mootummaan gaaffii bu’uuraalee misoomaa deebisuuf hojjetaa jiraachuu himan.

Godina Arsii Lixaattis pirojektiin bishaan dhugaatii Wandoo-Ajjee-Siraaroo baajata mootummaa Birrii miiliyoona 800 oliin ijaarame tajaajilaaf banaa taheera.

Ittigaafatamaan Ijaarsa Paartii Badhaadhina Damee Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin, Mootummaan Paartii badhaadhinaan hogganamu waggoottan jijjiirama as waadaa ummataaf gale qabatamaan dhugoomsuuf bu’uuraalee misoomaa hawaasni barbaadu guutuuf kutannoon hojjetaa jira jedhan.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Injinar Kadiir Huseen gama isaaniin, biirichi rakkoo bishaan dhugaatii furuuf godinaaleefi Magaalota Oromiyaatti xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu himan.

Bara kana akka naannichaatti piroojektoota bishaan dhugaatii kuma 1 fi 920 Birrii biiliyoona 22’n hojjatamuuf karoorfaman keessaa hanga ammaatti piroojektootni kumni1 fi 810 xumuramuun tajaajilaaf qophaa’uu eeran.

Mulgeetaa Girmaa fi Olyaad Ahmadiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.