Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan waadaa ummataaf gale gochaan dhugoomsaa jira- Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Caamsaa 8, 2018 (FMC) – Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin mootummaan waadaa uummataaf gale gochaan dhugoomsaa jira jedhan.

Obbo Awwaluu Abdiin Godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbee Magaalaa Shobokaatti pirojektii bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 62 oliin ijaarame eebbisaniiru.

Hojiilee bu’uuraalee misoomaa mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo kenneefii hojjechaa jiru keessaa waliingahiinsi bishaan dhugaatii tokko ta’uu obbo Awwaluun sagantaa eebba pirojektii kanarratti ibsaniiru.

Mootummaan hojii hawaasa bu’uura irraa jijjiiru irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu kaasanii, waadaa ummataaf gale gochaan dhugoomsaa akka jirus dubbataniiru.

Bulchaan Godinichaa obbo Didhaa Guddataa gamasaaniin, jiraattonni magaalichaa pirojekticha tikfachuu fi sirnaan itti fayyadamuu akka qaban dhaaman.

Pirojektichi jiraattota Magaalaa Shobokaafi naannawaa ishee kuma 40 ol ta’aniif bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyeessuu danda’a jedhamuu Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.