Fana: At a Speed of Life!

Morkii Faransaayii fii Moorokoo gidduutti taasifamu…

Finfinnee, Adoolessa 2, 2018 (FMC) – Tapha nuusa xumuraa Waancaa Addunyaa har’a eegaluun morkiin Faransaay Moorokoo waliin taasiftu ni eegama.

Har’a halkan sa’aatii 5:00 eegalee shaampiyoonaan yeroo 2 Faransaayi falmiin Moorokoo waliin gootu xiyyeeffannoo argateera.

Waancaa Addunyaa bara 2022 Kaatar qopheessiterratti tapha nuusa xumuraaf geessee kan turte Moorokoon, Faransaayiin galchii 2 fi 0’n Injifatamuun kan yaadatamuudha.

Biyyoonni lamaan taphoota kana dura waliin taphatan 6 keessaa Faransaay yeroo 4 yoo injifattu, Moorokoon yeroo 1 injifachuun, tapha tokko ammoo qabxii qooddataniiru.

Tapha har’aa kanaan Faransaayii fi Moorokoo keessaa kan injifate, Ispeenii fi Beeljiyeem keessaa kan injifate waliin tapha walakkaa xumuraa kan taphatan ta’a.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.