Morkii Poorchugaal Ispeen waliin taasiftu…
Finfinnee,Waxabajjii 29, 2018 (FMC) –Taphoota Waancaa Addunyaan morkiin Poorchugaal har’a Ispeen waliin taasiftu hawwiin eegama.
Morkiin biyyoonni lamaan tapha nuusa xumuraaf darbuuf har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee waliin taasisan kun xiyyeeffannoo argateera.
Biyyoonni lamaan taphoota kanaan dura waltajjiiwwan garaagaraarratti waliin taphatan 41 keessaa Ispeen yeroo 17 yoo injifattu, Poorchugaal si’a 6 injifachuun taphoota 18 ammoo qabxii qoodataniiru.
Moorokoo, Faransaay, Ingilaandii fi Noorweey biyyoota tapha nuusa xumuraaf gahuu mirkaneeffataniidha.
#Oromia #Ethiopia