Fana: At a Speed of Life!

Muudamni Kaabinee Sabdaneessummaa kan mul’isuudha- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 28, 2019 (FMC)- Muudamni Kaabinee Sabdaneessummaa Itiyoophiyaa kan mul’isuudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee1ffaa waggaa 7ffaa gaggeesseera.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Kaabinee Mootummaa Ida’amuu Mana marichaaf dhiyeessaniiru.

Dooktar Abiy wayita Kaabinoota dhiyeessan akka jedhanitti, ulaagaan muudamichaa qophaa’ummaa barnootaa, dandeettii raawwachuu, sirreessuu fi koorniyaa, amantii fi saba bu’uuraa kan godhatedha.

Fedhii Itiyoophiyaa akkasumas faayidaa ummataa raawwachuuf imala taasifamu keessatti dhimmoota kunneen yaada keessa yoo hin galchine Itiyoophiyaa calaqqisisuun hin danda’amu jedhan.

Miseensonni Kaabinee muudaman itti gaafatamummaa itti kenname sirnaan kan hin bahanne yoo ta’e tarkaanffiin kan fudhatamu ta’uu mirkaneessaniiru.

#MootummaaIda‘amuu

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.