Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiif Biqiltuun Biliyoona 5 Ol Qophaa’aa Jira

Finfinnee, Ebla 22, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiif biqiltuun biliyoona 5 ol qophaa’aa jiraachuu Biiroonn Qonnaa naannichaa beeksise.

Itti aanaan hogganaa biirichaa Obbo Bariisoo Fayyisaa akka jedhanitti, naannichatti waggoottan darbaniin ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan dhabaman faayidaa hedduu argamsiisaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa bara 2018 milkiin xumuruuf qophiin barbaachisaan taasifamaa jiraachuus dubbataniiru.

Haaluma kanaan, biqiltuuwwan bunaa, muduraa, misooma sululaa fi kanneen wabii nyaataa mirkaneessuu danda’an biroon qophaa’aa jiraachuu eeraniiru.

Sagantaa kanaaf lafti hektaarri miliyoona tokkoo ol qophaa’uusaa Obbo Bariisoon Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.

Biqiltuuwwan dhaabamuuf qophaa’an kun faayidaa gama hedduu kan qaban ta’uu eeranii, kanaan walqabatees hojiin boolla qopheessuu hojjetamaa jira jedhaniiru.

Iddoowwan biqiltuun itti dhabamu kaartaa fi dhimmoota biroon walqabatan qopheessuun raawwatamaa jiraachuus dubbataniiru.

Biqiltuuwwan biliyoona 5 ol qophaa’an keessaa biliyoona 4.8 kan ta’an dhaabuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa kanarratti hojii karoorfame milkiin xumuruuf uummanni naannichaa dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.

Malaakuu Gaddifiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.