Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti sochiin hawaasummaa fi diinagdee tasgabbaa’aan uumame

Finfinnee, Sadaasa 9, 2019 (FMC)- Naannoo Tigraayitti sochiin hawaasummaa fi diinagdee tasgabba’aan uumameera jedhe Bulchiinsa Imaanaa mootummaa Federaalaa Naannoo Tigraayitti Biiroon Kominikeeshinii.

Bulchiinsa Imaanaa Mootummaa Federaalaa Naannoo Tigraayitti Hoggaanaan Biiroo Kominikeesinii raawwii baatii tokko ilaalchisee ibsa kenneera.

Hogganaan Biirichaa obbo Daamooraa Yaahiyaa ibsa kennaniin, bulchiinsi Imaanaa qooda fudhattoota waliin ta’uun hojiilee raawwataniin naannichatti sochiin diinagdee fi hawaasummaa tasgabba’aan uumameera jedhan.

Bulchinis Imaanaa naannichaa hanga gandatti caasaa diriirsuu fi qindeessitoota ummataan filataman guutuumman guutuutti hojii idileetti galchuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan marii ummata waliin taasifamaniin, jijjiiramni waaraan argamaa jiraachuu himan.

Naannichatti wayita ammaa adeemsi baruu fi barsiisuu bakka hundatti eegaluu ibsaniiru.

Naannichatti hojjettonni mootummaa hojii idileetti deebi’uufi miindaan kaffalamuu eegalu ibsuun, tajaajilli Uummataa gara hojii qabatamaatti ce’uu eeraniiru.

Bulchiinsi Imaanaa Mootummaa Federaalaa baatii tokko keessatti hojiilee bu’aa qabeessa raawwachuu eeruun, amma filannoo itti aanuuf haalota mijeessuuf hojiileen dandeessisan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Dargaggoota dabalatee kutaaleen hawaasaa hundi nagaaf tasgabbii naannichaaf hirmaanaan taasisaa jiran akka itti fufu waamicha dhiyeessuu ragaan ENA’n ni mul’isa.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.