Fana: At a Speed of Life!

Nageenya lammiilee Itiyoophiyaa Sa’ud Arabiyaa jiraatanii eegsisuun cimee itti fufa- Ministeericha

Finfinnee, Adoolessa 6, 2018(FMC)- Tattaaffiin nageenya lammiilee Itiyoophiyaa Sa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran eegsisuuf taasifamu cimee itti fufa jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.

Ministeerichi lammiilee Itiyoophiyaa Sa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran ilaalchisee ibsa baaseen, haala Itiyoophiyaanota Sa’ud Arabiyaatti argamanii keessumaa dhimma lammiilee adeemsa seeraarra jiraniifi murtoon irratti darbee irratti anga’oota olaanoo biyyattii waliin walitti dhiyeenyaan hojjetamaa jira jedheera.

Mootummaan Itiyoophiyaa lammiilee biyyattii biyya alaa jiraataniif deeggarsa nageenyaa, eegumsaafi Qontsilaa akka kennu kaasuun, lammiilee Itiyoophiyaa Sa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran irratti anga’oota mootummaa biyyattii waliin mariiwwan walitti fufiinsa qaban godhamuu eereera.

Eembaasiin Itiyoophiyaa Riyaaditti argamuufi Qontsilaan Jiddaatti argamu lammiilee Itiyoophiyaa biyyattiitti haala rakkisaa keessa jiraniif dhiifamni akka godhamuuf gaafachuu fi deeggarsa Qontsilaa akka argatan gochuuf tattaaffii taasisan cimsanii itti fufuu ibseera.

Tattaaffiiwwan kunneen mirga namoomaa lammiilee kabachiisuu keessatti bu’aa gaarii fiduu ibsuun, hanga ammaatti Itiyoophiyaanonni kumni 1 fi 971 dhiifama argachuu kaaseera.

Mootummaan Itiyoophiyaa lammiilee kanneen balalliiwwan walitti fufiinsa qabaniin gara biyyaatti deebisaa jiraachuu eeruun, milkaa’inni kun tumsa damee Qontsilaafi dhimmoota mirgoota namoomaa irratti biyyoonni lameen waggoota dheeraaf qaban kan agarsiisudha jedhe.

Ministeerri Dhimma Alaa faayidaalee, mirgootaafi nageenya lammiilee Itiyoophiyaa biyyoota alaa jiranii eegsisuuf filmaatawwan dippiloomaasiifi Qontsilaa fayyadamuu akka itti fufu mirkaneesseera.

Lammiilee kanneen ilaalchisees dhimmoota hafan sirreessuuf mootummaan Itiyoophiyaa mariifi hariiroo mootummaa Sa’ud Arabiyaafi anga’oota dhimmichi ilaallatu waliin qabu cimsee akka itti fufu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.