Fana: At a Speed of Life!

Nageenyi lammiilee Sa’udii Arabiyaa jiraatanii eegamuu qaba – Dooktar Geediyoon Ximootiwoos

Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) – Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos, nageenyi hojjettoota Itiyoophiyaa Sa’udii Arabiyaa jiraatanii eegamuu qaba jedhan.

Dooktar Geediyoon Itti-aanaa Ministira Dhimma Alaa Sa’udii Arabiyaa Injiinar Waaliid Eelkireejii waliin mari’ataniiru.

Mariichaan dhimmoota waloo fi hariiroo biyyoota lameenii akkasumas dhimmoota nagaa fi tasgabbii naannawichaa irratti bal’inaan mari’ataniiru.

Dooktar Geediyoon wayita kana akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi Sa’udii Arabiyaan hariiroo seenaa dheeraa fi walitti dhufeenya uummataa jabaa kan qaban dha.

Faayidaa waloo biyyoota lameenii kabachiisuuf hariiroo gama-lamee caalaatti cimsuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Kana malees, nageenya lammiilee Sa’udii Arabiyaa keessa jiranii eeguu fi lammiilee karaa seera qabeessa taheen gara biyyattii deemaniif carraawwan hojii haaraa babal’isuun dhimma murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Injiinar Waaliid Eelkireejii gama isaaniitiin, Sa’udii Arabiyaan hariiroo seenaa dheeraa Itiyoophiyaa fi uummata ishee waliin qabduuf bakka guddaa akka kennitu ibsaniiru.
Nageenya baqattootaa fi hojjettoota Itoophiyaa mirkaneessuuf, sochiin hojjettootaa karaa seera qabeessa ta’een qofa akka ta’u gochuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Gareewwan lamaan dhimma nagaa fi tasgabbii naannichaa irrattis yaada kan wal-jijjiiran yoo ta’u, keessattuu walitti bu’iinsa naannawicha keessatti mul’atu furuuf mariin filannoo dursaa ta’uu akka qabu walii galuu isaanii odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa ni mul’isa.

#Oromiya #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.