Nageenyii fi tasgabbiin bu’ura mul’ata Itiyoophiyaati – Dooktar Geediyoon Ximootiiwoos
Finfinnee, Caamsaa 4, 2018(FMC) – Nageenyii fi tasgabbiin bu’ura mul’ata Itiyoophiyaati jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiiwoos.
Dooktar Geediyoon Inistiityuutii Hadisanitti argamuun qorattootaa dhaabbilee Qorannoo fi qo’annoo, akkasuma ogeeyyii damichaa waliin mari’ataniiru.
Ministirichi moodeela gidduna diinagdee fi Badhaadhina Itiyoophiyaa, akkasuma miil’uu Siyaasaa irratti ibsa kennaniiru.
Jijjiirama waqtaawaa fi sosochii qubsama siyaasaa Gaanfa Afrikaarratti ibsa bal’aa taasisaniiru.
Nageenyii fi tasgabbiin bu’ura mul’ata Itiyoophiyaa ta’uu hubachiisan.