Fana: At a Speed of Life!

Namoota karaa seeraan ala biyyaa bahaafi seenaa turan kuma 10 olirratti tarkaanfiin seeraa fudhatame

Finfinnee, Ebla 13, 2018 (FMC) – Tajaajilli Lammummaafi Immigireeshinii baatiiwwan 9 darban keessa namoota karaa seeraan alaa osoo biyyaa bahanuufi seenanuu qabaman kuma 10 olirratti tarkaanfiin seeraa fudhatameera jedhe.

Tajaajilichi hojiilee paaspoortii, viizaa, waraqaa eenyummaa dhaloota Itiyoophiyaa, to’annoo qilleensarraafi lafarraa akkasumas tajaajiloota biroon hojjetaman irratti ibsa kenneera.

Daayrektarri Olaantuun Tajaajilichaa Salaamaawit Daawwit wayita kana baatiiwwan saglan darban keessa miseensota kuma 1 fi 700’f leenjiin dandeettii hoggansaafi hojjettootaa guddisuuf gargaaru kennameera jedhan.

Leenjichi nageenya saayibarii, dippiloomaasiifi hariirii idil-addunyaa, qabiinsa maamilaa fi waldhabdee hiikuurratti kan xiyyeeffate ta’uu eeraniiru.

Galmee Siiviiliifi Maatii ilaalchisee galmeewwan miiliyoona 4.8 galmeessuun karooricha %88 milkeessuu kaasanii, kanneen keessaa galmeewwan miiliyoonni 1.8 galmee waqtaawaan raawwatamuu ibsan.

Sirnoota galmee ammayyeessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeruun, Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa waliin ta’uun sirna galmeessaa misoomsuun magaalaa Finfinneetti hojiirra oolaa jiraachuu kaasaniiru.

Yeroo itti aanutti gara magaalota naannoleetti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu himanii, kunis waliingahiinsa kenninsa tajaajilaa akka guddisuufi saffisiisu dubbataniiru.

Baatiiwwan saglan darban keessa hojii hordoffiifi to’annoon lammiilee alaa kuma 4 fi 576 dabaltee namoota karaa seeraan alaa biyya keessaafi alatti bahuuf osoo yaalanii to’ataman irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu yaadachiisaniiru.

Galmeefi to’annoo lammiilee alaa ilaalchisee seera qabeessummaan lammiilee alaa dhaabbilee garaagaraa keessa hojjetan kuma 42 fi 809 mirkaneeffamuu kaasanii, lammiileen biyya keessaa fi alaa kumni 3 fi 638 karaa seeraan alaa paaspoortii argachuuf socho’an to’atamuus dubbataniiru.

Tajaajilli paaspoortii miiliyoonni 1 fi kumni 100 fi kumni 59 fi 794 kannamuus eeraniiru.

Waliingahiinsa kenniinsa Paaspoortii babal’isuuf lakkoofsi Waajjiraalee Damee 12 irraa gara 22’tti guddachuu kaasanii, dhuma bara baajatichaatti gara 28’tti guddisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob 10 keessatti dhaabbatichi tajaajila isaa kennaa jiraachuufi baatiiwwan saglan daban keessa tajaajila kenname irraa galiin Birriin biiliyoonni 30.9 argamuu ibsaniiru.

Taammiraat Dalaliitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.