Obbo Ahimad Shidee Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Koorporeeshinii Faayinaansii Misooma Idil-addunyaa Ameerikaa Waliin Mari’atan
Finfinnee, Eebla 9, 2018 (FMC) – Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Koorporeeshinii Faayinaansii Misooma Idil-addunyaa Ameerikaa Mister Been Bilaak waliin dhimmoota tumsa cimsuu danda’an irratti mari’ataniiru.
Marii yaa’ii Baankii Addunyaa fi IMF bara 2026 cinatti gaggeeffame kanaan, hariiroo tarsiimoo Itiyoophiyaa fi Koorporeeshinii Faayinaansii Misooma Idil-addunyaa Ameerikaa gidduu jiru cimsuu irratti mariin xiyyeeffate gaggeeffameera.
Dabalataanis, daldalaa fi diinagdee akkasumas dameewwan geejjibaa fi albuudaa irratti waliin hojjechuuf dhimmoota dandeessisan irratti mari’ataniiru.
Obbo Ahimad Shide fooyya’insa maarkoo-diinagdee Itiyoophiyaa fi carraaqqii haala inveestimeentii alaa fooyyessuuf taasifamaa jiru ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Mootummaan inveestimeentii alaa kallattiif haala mijeessuuf kutannoon hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Mister Been Bilaak gama isaaniitiin, Koorporeeshiniin Faayinaansii Misooma Idil-addunyaa Ameerikaa projeektota gurguddoo fi bu’uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa keessatti ijaaramaa jiran deeggaruuf fedhii akka qaban dubbataniiru.
Marii kanaan tumsa jiru cimsuu fi dameewwan investimentii Itiyoophiyaa dursi kennamuufii qabu guddisuuf waliigalteerra ga’amuu odeeffannoon Ministeerri Maallaqaa Faanaa Miidiyaa Korpooreshiniif erge ni agarsiisa.
#Oromia #Ethiopia