Odeeffannoon qabeenya tarsiimawaa bara kanaa fi utubaa ijoo birmadummaati- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) – Odeeffannoon qabeenya tarsiimawaa bara kanaa fi utubaa ijoo birmadummaa biyya jabduun ittiin ijaaramtudha jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, yaa’ii fi agarsiisa biyyaalessaa “ Birmadummaa odeeffannoo bilisummaa imaammataaf” jedhuun qophaa’e daawwachuu ibsaniiru.
Milkaa’inni damichaan argame gammachiisaa ta’uus kaasaniiru.
Odeeffannoon qabeenya tarsiimawaa bara kanaa fi utubaa ijoo birmadummaa biyya jabduun ittiin ijaaramtudha jedhaniiru ergaa isaaniin.
Odeeffannoon ergisaa yookaan ammoo qaamolee alaa irratti hirkatu fedhii biyyaalessaa keenya milkeessuu waan hin dandeenyeef birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf odeeffannoo ofii dandeettii ofiin sassaabuun fi xiinxaluun galtee murteessaadha jechuun ibsaniiru.
Hundaa’ol hojiin odeeffannoo sassaabuufi xiinxaluu beekumsaafi ogummaa ijoollee biyyaan wayita hojjetamu arguun kan nama boonsu ta’uu eeraniiru.
Dabalataanis xiyyeeffannoon odeeffannoo bu’aalee lakkoofsaan ibsaman qofa irratti osoo hin taane nama irratti fi jijjiiramoota qabatamaa jireenya lammiilee irratti mul’atan irratti xiyyeeffachuu akka qabu hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia