Fana: At a Speed of Life!

Oomishtummaa qamadii birmadummaa biyyaaf…

Birmadummaan siyaasaafi bilisummaan diinagdee biyya tokkoo gargaarsa alaa osoo hin taane dandeettii ofiin wabii nyaataa mirkaneessuu irratti kan hundaa’edha.

Itiyoophiyaan waggoota hedduuf hanqina nyaataafi hirkattummaa deeggarsa alaa keessa turteetti. Yeroo ammaa kana seenaa kana kan jijjiire birmadummaa wabii midhaan nyaataa dhugoomsuu dandeesseetti.

Gama Kanaan sharafa alaa oomisha qamadii alaa galchuuf baasaa turte Doolaara biiliyoona 1 ol hambisteetti.

Kana qofa osoo hin taane daldala alaa oomisha qamadiirraa galii sharafa alaa maddisiisuun milkaa’ina galmeessisteetti.

Milkaa’inni misooma qamadiin argame wabii midhaan nyaataarra darbee dandamannaafi birmadummaa biyyaalessaaf ibsituudha.

Maddi milkaa’ina oomisha qamadii hoggansaafi kutannoo raawwachiisummaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad ta’uun ifa galaadha.

Yaada “lafti bonaa ganna hagabuu buluu hin qabu” jedhuun sosochiin eegalame Itiyoophiyaan hirkattummaa roobaa jalaa bahuun misooma jallisii irratti akka xiyyeeffattu dandeessiseera.

Guddinni qabatamaan waggoottan muraasa darban keessatti mul’ate kallattii imala diinagdeefi hawaasummaa biyyattiis jijjiireera.

Milkaa’inni misooma qamadii hojimaata qonnaa ammayyaan kan deeggarame yoo ta’u sanyiiwwan fooyya’an fayyadamuu, hojimaata mekaanaayizeeshinii guddisuufi tajaajila eksiteenshinii qonnaa babal’isuun oomishtummaan qonnaa akka guddatu taasiseera.

Sanyiiwwan hongee, dhukkubaafi ilbiisota dandamatan baay’isuun fi qonnaan bultootaan gahuun hanga oomishaa sadarkaa olaanaan guddisuun danda’ameera.

Tiraakteroonni, kombaayinaroonniifi teeknooloojiiwwan qonnaa bal’inaan hojiirra ooluun humna namaa hir’isuurra darbee qisaasama oomishaa ittisuuf dandeessiseera.

Deeggarsi ogeeyyii cimee itti fufuun qonnaan bultoonni qabiinsa oomishaa saayinsawaa akka hordofan godheera.

Itiyoophiyaan waggoota shanan jahan dura biyya qamadii alarraa galchitu qofa osoo hin taane biyya wabiin midhaan nyaataa ishee gaaffii keessa galee ture turte.

Yeroo ammaa kana garuu bu’aa misooma qamadii irratti galmaa’e qofaan dhimmi birmadummaa nyaataa sadarkaa abdachiisaarra gaheera.

Qonna gannaa bara darbeen lafti heektaarri miiliyoonni 4.4, qonna jallisii boneen ammoo lafti heektaarri miiliyoonni 3.8 waliigala lafti heektaarri miiliyoonni 8 ol misooma qamadiin uwwifamuun isaa imalli dandamannaa biyyaalessaa itti fufuu agarsiisa.

Milkaa’inni misooma qamadii kun galii qonnaan bulaa guddisuufi dhiyeessii oomishaa fooyyessuu keessatti shoora olaanaa bahata.
Kana malees sharafa alaa bittaa qamadiif oolu baraaruu fi madaala daldalaa biyyattii sirreessuu keessatti qooda guddaa qaba.

Oomishni biyya keessaa guddachuun dhiyeessii meeshaalee dheedhii warshaalee daabboo fi warshaalee nyaataa biroo tasgabbeessuun qaala’iinsa gatii to’achuuf gahee olaanaa bahata.

Injifannoo kun gara fuulduraatti misooma oomishaalee biroof fakkeenyaa kan ta’uu akkasumas ce’umsa indaastirii biyyattiif bu’uura kan kaa’udha.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.