Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti baatiiwwan 9 darban qonna magaalaan namoota miiliyoona 1.3’f carraan hojii uumameera- Obbo Masfin Malaakuu

Finfinnee, Ebla 8, 2018 (FMC) – Baatiiwwan salgan darbanitti qonna magaalaan namoota miiliyoona 1 fi kuma 300’f carraan hojii uumameera jedhan Sadarkaa Itti aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Hoogganaan Kilaastera Misooma Magaalaa Obbo Masfin Malaakuu .

Obbo Masfin Malaakuu  raawwii hojii ji’ottan saglan darbanii kilaastara misooma magaalaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Wayituma kana mootummaan magaalaaf xiyyeeffannoo kennuun hojiin Tarsimoo nama magaaloomsuu, lafa magaaloomsuu fi bulchinsa magaalaa irratti hojjete bu’aa fiduu eeran.

Baatiiwwan salgan darban hojii qonna magaalaa irratti hojjetameen sheediiwwan kumni 100 fi kumni 39 ijaaramuun hojiileen misoomaa keessatti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojii gama Kanaan hojjetameenis namoota miiliyoona 1 fi kuma 300’f carraan hojii uumamuu kaasaniiru.

‎Kana malees xiyyeeffannoo invastimantiif kennameen jijjiirama dura dhaabbileen invastimantii kuma 10 akka hin caalle yaadachiisanii, yeroo amma kuma 40 irra gahuu dubbatan.

Hojii invastimantii cimsuuf mootummaan karaa Baankii Siinqee Birrii biiliyoona 28 liqaan dhiyeessuus eeraniiru.

‎Hojiin gama misooma kooriidariin hojjetames bu’aa fiduu obbo Masfin Malaakuun dubbataniiru.

‎Haaluma Kanaan daandiin Aspaaltii Kiiloomeetirri 115, bakki dhaabbii konkolaataa 90 fi daa’imman itti taphatan 40’n ijaaramuu ibsaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.