Oromiyaatti bara Kanaa hanga ammaatti biqiltuun biiliyoonni 1 ol dhaabbate
Finfinnee, Adoolessa 15, 2018(FMC)- Naannoo Oromiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara Kanaan hanga ammaatti biqiltuun biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 500 ol dhaabbateera.
Sagantaan ashaaraa magariisaa bara kanaa mata duree “ Abdii Haa Dhaabnu jedhuun” gaggeeffamaa jira.
Sagantaa Kanaan waggoottan darban keessatti biqiltuuwwan bosonaa, nyaataafi faayidaalee garaagaraaf oolan biiliyoonatti lakkaa’aman dhaabamaniiru.
Naannoo Oromiyaattis hojii kanaaf xiyyeeffannoon addaa kennamuun waggoota darbanitti biqiltuuwwan gosa garaagaraa biiliyoonni 28 fi miiliyoonni 200 ol dhaabamaniiru.
Naannichatti bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu biiliyoona 5 fi miiliyoona 300 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Hanga ammaattis biqiltuun biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 500 ol dhaabamuun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia