Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti baatiwwan kurnan darban Buna Alaatti ergamerraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 200 ol argame

Finfinnee,Waxabajjii 27, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti bara oomishaa 2018 keessa baatiwwan kurnan darban Buna Alaatti ergamerraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 32 ol argameera.

Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf al-ergii bunaatiin galii Doolaara Ameerikaa biiliyoona 3 ol argachuun seenaa haaraa galmeessite.

Milkaa’inni kun carraa tasaa osoo hintaane, bu’aa imaammataa sirrii, cimina qonnaan bulaafi hoggansa tarsiima’oo mootummaa jijjiiramaati.

Naannoon Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, qooda olaanaa oomisha bunaa biyyattii keessaatti qabu hubachuun, oomishtummaafi dorgomtummaa idil-addunyaa oomisha bunaa dabaluuf tarkaanfiilee tarsiima’oo fudhachaa tureera.

Kaayyoon isaa baay’ina omishaa qofa dabaluu osoo hintaane, qulqullina bunaa guddisuun, galii qonnaan bulaa fooyyessuu akkasumas sharafa alaa dabaluun ce’uumsa dinagdee mirkaneessudha.

Bu’uura kanaan, bara 2011 irraa eegalee, Labsii Naqamteetiin Inisheetiviin Misooma Bunaa hojii irra oolchuun sirna omisha bunaa guutuu haaromseera.

Kunis, gosoota bunaa filatamoo babal’isuu, mala qabiinsaafi funaansaa ammayyeessuu, sadarkeessuufi qulqullina bunaa dabaluu, akkasumas cancaala omishaa oyiruu irraa hanga gabaa giddugaleessaafi idil-addunyaatti jiru hordoffiifi deeggarsa garaagaraa taasisuu hammata.

Hojiileen kunneen waggoota muraasa booda bu’aa qabatamaa argamsiisuu eegalaniiru.

Oomishni bunaa naannichaafi qulqullinni isaa waggaa irraa gara waggaatti dabaluu qofa osoo hintaane qulqullinniifi fayyadamummaan qote bulaa dabalaa dhufeera.

Qonni Oromiyaan al-ergii bunaa biyyaa keessatti qabu addaan dabalaa kan dhufe yoota’u, bara 2018 raawwii ji’oota 10’tiin toonii kuma 100 fi kuma 83 fi 557.39 gabaa idil-addunyaa qaqqabuun galiin Doolaara biiliyoona 1 fi miiliyoonni 200 fi miliyoonni 32 argamuu danda’eera.

Akkasumas milkaa’inni akka biyyaatti sharafa alaa galii bunaarraa argameen galmaa’e, jalqabbiin mootummaan jijjiiramaa inisheetivii bunaa irratti xiyyeeffatee raawwachaa ture milkaa’aa jiraachuu kan ragaa bahuudha.

Fuuldurattis omisha bunaa saayinsii, teknoolojiifi kalaqaan deeggaruun, qulqullina isaa daran guddisuun, gabaa idil-addunyaatti dorgomtummaa isaa cimsuun, fayyadamummaa qonnaan bulaafi guddina dinagdee naannichaa daran saffisiisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii isaa cimsee kan ittifufu ta’a jedhe Waajjirri Pireezidaantii Mootummaa naannichaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.