Fana: At a Speed of Life!

Paarkiiwwan indaastirii baay’inarra qulqullinaa isaanii eeggatanii akka ijaaraman taasifaman- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 7, 2018 (FMC) – Paarkiiwwan Indaastirii baayi’narra qulqullina isaanii eeggatanii akka ijaaraman taasifamaniiru jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee mata-duree “Onnee Birmadummaa” jedhuun gaaffii fi deebii EBC waliin taasisaniin, Paarkiiwwan Indaastirii guddina diinagdeef barbaachiisoo ta’uu ibsaniiru.

Paarkiiwwan Indaastirii warshaalee bittina’aan irra invastimantii hawwachuu kan danda’an, baasii bu’uuraalee misoomaa kan hir’isan, tajaajila qindaawaa kennuufi bulchiinsaaf mijatoo ta’uu ibsaniiru.

Kanaan dura ijaarsi paarkiiwwan Indaastirii daldala galii fi Alergiif mijatoo akka hin turre yaadachiisuun, Paarkiiwwan kunneen qorannoo gahaan kan ijaaramneefi faayidaa siyaasaaf qofaaf kan ijaaramaniidha jedhan.

Wayita amma paarkiiwwan Indaastirii baay’ina irratti xiyyeeffachuu irra qulqullina isaanii eeggatanii akka ijaaraman taasifamuu kan ibsan Dooktar Abiy, kanaanis baasii ijaarsaa kan hir’isanii fi guddina diinagdee kan saffiisisan ta’anii ijaaramuu kaasaniiru.

Keessattuu jijjiiramaan as Paarkiiwwan Indaastirii hojii dhaabanii turan hojitti galuus eeraniiru.

Ijaarsa Paarkiiwwanirratti Mootummaan dabalata dameen dhuunfaa hirmaamaachaa jiraachuu ibsuun, Paarkiiwwan Indaastirii 26 keessaa 7 kan dhuunfaa ta’uu dubbataniiru.

Miikiyaas Ayyalaatiin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.