Paartii Itiyoophiyaa ceesisu filachuuf qophoofneerra- Jiraattoota Magaalaa Finfinnee
Finfinnee, Caamsaa 8, 2018 (FMC)- Paartii Itiyoophiyaa ceesisu filachuuf qophoofneerra jedhan Jiraattonni Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Nifaas Silki.
Filannoo biyyaaleessaa marsaa 7ffaarratti yaada fi imaammata Paartiileen Siyaasaa dhiyeessan kaa’umsa gochuun filannoof qophaa’uu jiraataan kutaa magaalichaa Wandoosan Andu’aalem Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Filannoo biyyaaleessaaf yaada paartiileen siyaasaa karaa miidiyaalee fi duula na filadhaan dhiyeeffachaa jiran dhaggeeffachuu dubbataniiru.
Jiraatuun kutaa magaalichaa biroon Xeenaa Asmaaree gama isheetiin filannoo biyyaaleessaa 7ffaaf kaardii fudhattee guyyaa filannoo hawwiin eegaa jiraachuu dubbatti.
Imaammataa fi tarsimoo Paartiilee Siyaasaa dhaga’uun hiree ofii murteeffachuuf qophaa’uus ni himti.
Obbo Tasfaayee dheerressaa gamaa isaaniin , falmii paartiileen siyaasaa dameelee Barnoota, Fayyaa fi kanneen biroon dhiyeessan bu’uura godhachuun Paartii biyya ni ceesisa jedhanii amanan filachuuf qophaa’uu dubbataniiru.
Obbo Gazzahaanyi Laggasaa, filannoon bara kanaa nagaaf tasgabbiin akka xumuramuuf hundi gahee isaa bahachuu qaba jechuun, Paartii guddinaa fi misooma Itiyoophiyaa itti fufsiisuu filachuuf qophaa’uu ibsaniiru.
Filannoon Jaarsa diimookiraasiif murteessaa ta’uu kan himan immoo obbo Zaggayyee Gabreeti.
Lammiileen Carraan kun irra deebiin kan dhufu waggaa shan booda ta’uu hubachuun, mootummaa isaaniif ta’uu filachuu akka qabu kaasaniiru.
Ummanni sagaleen isaa bu’aa akka qabu, biyya akka ijaaruu, Mootumma akka dhaabuu beekuun filannoorratti hirmaachuu akka qabuus dhaamaniiru.
.Jiraattoonni kunneen Caamsaa 24, hawwiin eegaa jiraachuus eeraniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase