Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa qaamolee milkaa’ina Filannoo Waliigalaa 7ffaaf tumsa taasisan galateeffate

Finfinnee, waxabajjii 14, 2018(FMC) – Paartiin Badhaadhinaa qaamolee milkaa’ina Filannoo Waliigalaa 7ffaaf tumsa taasisan galateeffateera.

Paartiin Badhaadhinaa bu’aan filannoo waliigalaa 7ffaa ifoomuu ilaalchisuun ibsa galateeffannaa baaseera.

Ibsa galateeffanaa baaseen paartichi qaamolee milkaa’ina filannichaaf tumsan hunda galateeffateera.

Guutuun ibsa paartichaa akka itti aanutti dhiyaateera.

Itiyoophiyaanoonni jaal’atamoo fi kabajamoon, kabajamtoota Miseensota Hawaasa Siviilii fi Dhimmamtoota Filannoo;

Har’a Itiyoophiyaanonni diimokraasii gochaan kan argisiisan, seenaa isaanii guddisanii kan barreessan fi Afriikaan dhimma ofii ofiin murteessuu akka dandeessu addunyaatti kan labsan boqonnaan guddaan galmeeffamuun ifa ta’eera.

Filannoo Waliigalaa 7ffaa seena qabeessa kanaan, uummatni Itiyoophiyaa kaleessa yaaluun fi boru hundee jabaa irratti karoorsuun, olka’iinsa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf daandii qajeelchaa kan jiru Paartii Badhaadhinaatiif irra deebiin itti gaafatamummaa guddaa fi imaanaa itti kenneera.

Paartiin Badhaadhinaa imaanaa uummataa guddaa kana kan fudhate milkaa’ina isaatiin osoo hin of jajiin, hir’ina isaa sirreessaa ummata qulqullummaan tajaajiluuf fi waadaa gochaan mirkaneessuuf amantaa jabaa qabuuni.

Ulfina guddaa kanaaf guutummaan uummata Itiyoophiyaa waadaa diimokraasii nuuf kenne ulfina guddaan fudhanna.

Sagaleen galateeffannaa kun lammiilee nu filatan qofaaf kan dhiyaate miti; caalaattis, kan barbaadan filachuun mirga isaaniitti kan fayyadaman, kaardii isaaniitiin sagalee dhowwachuunillee adeemsichi seera qabeessa fi nagaa akka ta’uuf qooda isaanii kan bahan lammiilee hunda dabalata.

Sababni isaas hirmaannaan lammiilee bifa kanaan taasifame diimokraasiin biyya keenyaa mo’ataa dhugaa akka ta’u taasiseera.

Adeemsa filannoo kana keessatti dhugaan bu’uuraa ifatti adda ba’uu qabu jira:- Paartiin Badhaadhinaa sagalee caalmaatti argachuun mootummaa hundeessuu mirga argachuun isaa mul’ata badhaadhina hundagaleessa Itoophiyaa mirkaneessuu qabatee imala bu’aa qabeessa gochaa akka jiru paartichi akka carraa guddaatti kan fudhatu yoo ta’u; filannoon kun guutummaatti nagaa, bilisa, haqa qabeessa fi amanamummaa qabaachuun xumuramuun isaa garuu mo’atummaa tarsiimawaa biyya keenya Itiyoophiyaa fi guutummaa uummata ishee mirkaneessuu isaa agarsiisa.

Filannoon kun akka kanaan duraa dorgommii Siyaasaa baratame ykn dhimma yeroo hin turre.

Filannoon kun dabarsoo shira keessaa fi alaa kan daddabale, abbaa biyyummaa Itiyoophiyaa gochaan kan madaale, bilchina dhaabbilee diimokraasii kan jabeesse seenaa guddaa ce’umsaati jedheera Paartichi.

Itiyoophiyaan dhiibbaa alaa kaminiyyuu osoo hin kuffiin, guutummaatti humna hundagaleessa ofiitiin kan raawwatte raawwii seena qabeessi kun diimokraasii biyya keessaa fi abbaa biyyummaa ardii mirkaneesse waan ta’eef guutummaa Afriikaatiif boonsaa fi fakkeenya ta’eera.

Lammiilee miliyoona 54 ol hirmaachuun isaanii dammaqinsa Siyaasaa uummata kan agarsiisu yoo ta’u, sagalee uummataa fi fedhii abbaa biyyummaa kabajuun hojii dursa mootummaa fi dizaayinii Siyaasaa kamiyyuu ta’uun isaa gochaan mirkaneeffameera.

Filannoon kanaan diinonni Itiyoophiyaa biyya jeeqamsuuf shira dabarsan fi tattaaffiin isaanii dammaqinsa uummataatiin guutummaatti akka fashala’u taasifameera.

Milkaa’inni seena qabeessi kun fi mo’atummaan Itiyoophiyaa hirmaannaa dhimmamtootaa ala yaadamuu hin danda’u.

Kanaa, paartiin Badhaadhinaa qaamolee milkaa’ina filannoo kanaatiif gumaacha taasisan hundumaaf galata olaanaa fi ulfina qabu ni dhiyeessa.

Keessattuu uummatni Itiyoophiyaa biyyaa fi ijaarsa sirna diimokraasii hundee jabaa irratti ijaaruuf qophaa’ummaa hin sosochoone gochaan kan agarsiise adeemsa filannoo seena qabeessa kana keessatti, guyyaa filannoo halkan sa’aatii 10:00 jalqabee miilaan utuu hin ta’iin mul’ataan durfamee, qorraa fi dadhabii jaalala biyyaatiin injifachaa, hanga guyyaa itti aanu halkan sa’aatii 10:00tti sa’aatii 24 guutuuf osoo hin hifatiin obsa guddaa
fi naamusaan hiriiree mirga madaallii mirkaneessuu isaa dhimma itti bahuuf argisiise murannoo seena qabeessaa fi bilchina Siyaasaa Paartii keenya Badhaadhinaa qofaaf osoo hin ta’iin guutummaa diimokraasiiwwan guddataa jiraniif fi ardii Afriikaatiif barumsa gochaa haaraa fi fakkeenya abbaa alangummaa waan ta’eef, uummata beekaa fi ammayya’aa kanaaf paartiin keenya ulfina olaanaa, boonsaa fi galata olaanaaa qabu guddisee dhiyeessa.

Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa, adeemsa filannoo waliigalaa guutummaatti walaba ta’een, dandeettii geggeessuummaa olaanaan, obsaa fi qajeelfama seera qabeessaa hogganuun walabummaa dhaabbataa Itiyoophiyaa addunyaa duratti waan mirkaneesseef dinqisiifannaa fi galata olaanaan isaaf mala.

Paartiilee Siyaasaa 42 fi kaadhimamtootni dorgomtoota kuma 10 ol adeemsa kana keessatti hirmaachuun uummati keenya bal’inaan madaalee akka filatu taasiseera.

Kanaafuu, dhiibbaa olola sobaa keessaa fi alaa irraa ka’u dandamattanii, dorgommii yaadaa nagaa fi olka’iinsa seeraatiif murannoon ammayyaa argisiistan aadaa diimokraasii Itiyoophiyaa guddisuuf hundee guddaa kaa’eera

Isin kabajamtoota abbaa murtii uummatni fi qabsaa’ota Siyaasaa yaadaa waan taataniif ulfina guddaa fi galatni isiniif mala.

Dhaabbileen nageenyaa fi aanga’oonni Fedeeraalaa fi Naannoo, uummatni sodaa kamiyyuu malee bilisaan ba’ee sagalee isaa kennuu akka danda’uuf halkanii fi guyyaa hojjechuun, aarsaa kaffaluun fi biyya qaamolee badii irraa murannoon eeguun itti gaafatamummaa guddaa bahataniittu. Isin eegduu biyyaa fi ijoollee uummataa guyyaa rakkoo waan taataniif ulfina guddaa fi galatni isiniif mala.

Dhaabbileen miidiyaa uummatni mirga isaatti akka fayyadamu, haalli filannoo bilisaa fi madaalawaa tale akka uumamuuf filannoon dura hanga filannoon booda ogummaa keessan kabajjanii fi biyya keessaniif amanamummaa olaanaan gumaacha argisiistaniif galatni isiniif mala.

Dhaabbileen hawaasa siiviilii biyya keessaa filannoon dura jalqabee guutummaa biyyattii keessa socho’uun, lammiileef barnoota diimokraasii fi filattootaa bal’aa kennuun, dammaqinsi Siyaasaa uummata keenyaa akka guddattu fi mirga isaa akka hubatu gochuu keessatti gahee bakka bu’uuf hin danda’amne taphattaniiru.

Guyyaa filannoos lammiilee kuman lakkawaaman buufataalee filannoo hunda irratti bobbaasuun adeemsichi guutummaatti nagaa, seera qabeessa fi haqa qabeessa akka ta’uuf humna biyya keessaa fi walabummaa dhaabbataa keessan gochaan waan argisiistaniif ulfina guddaa fi galatni isiniif mala.

Gamtaan Afrikaafi IGAD “Rakkoowwan Afrikaatiif furmaata Afrikaa” mootoo jedhu qabatamaan agarsiisuudhaan,dhaabbileen sadarkaa ardii Afrikaafi naannawaa ta’an itti gaafatamummaasaanii seena qabeessa gahumsaan bahachuu akka dandaa’an irra deebiin mirkaneessaniiru.

jaarsi sirna diimokriaasii Itoophiyaa agarsiistuu kabajaafi fakkeenyummaa ta’uusaa mirkaneessuun, haqummaafi amanamummaa filannichaa waltajjii addunyarratti waan olkaaftaniif, obbolummaa Paan-Afirikaanizimii dhugaa agarsiiftaniif, tumsa naannawaafi kutannoo seena-qabeessaa agarsiiftaniif Paartiin keenya Badhaadhinni kabajaafi ulfina olaanaa dhiyeessa.

Miseensota hawaasa idil-addunyaa,dhabbilee naannawaa,biyyoota michuu Itoophiyaa hunda haala dhugaa Itoophiyaa qabatamaan hubachuudhaan, adeemsa waliigalaa filannichaa xiyyeeffannoo addaan kan hordoftaniifi adeemsi isaa naga-qabeessa,bilisafi diimokiraatawaa ta’ee goolabamuu mirkaneessuudhaan duubdeebii eyyentaafi bu’a qabeessa ta’e kennitaniif Paartiin Badhaadhinaa galata guddaa dhiyeessa.

Dhuga baatiin keessan madaalawaafi dhugaa ta’e amanamummaa dhaabbilee biyya keenyaa kan guddisu qofa osoo hintaane, Ijaarsa sirna diimokraasiifi badhaadhina Hunda galeessa Itoophiyaan eegalte kan mirkaneessuu tumsa seena qabeessaafi tarsiima’aa waan ta’eef kabaja guddaadhaan fudhanna.

Paartiin Badhaadhinaa Waadaa siyaasaafi hawaasummaa haaraa kana bu’ureffachuun abbaan aangoo uummata ta’uu qabatamaan nii mirkaneessa.

Waggoottan itti aanan,fayyadamummaa hawaasa keenyaa mirkaneessuuf hojiwwan bu’aa danuu argamsiisan cimaniifi babal’atanii kan itti fufan yoo ta’an,keessattuu gaaffile uummataa hirmaannaa hundaa barbaadaniifi dhimmoota murteessoo hirmaannaa qooda fudhattoota hundaa barbaadan irratti ummataa keenyaafi qooda fudhattoota waliin ta’uun hojjennee deebii akka argatan kan goonu ta’a.

Nageenya waaraa fi tasgabbii uumuufi olaantummaa seeraa bu’uura cimaa irratti ijaaruuf, qaala’iinsa jireenyaa furuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf , carraa hojii bal’aa itti fufiinsaan uumuufi fayyadamummaa dinagdee uummataa guddisuuf , Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob eegalame sadarkaa biyyaatti babal’isuuf, hudhaawwan biirokiraasii kukkutuufi kenna tajaajilaa tekinooloojiin ammayyeessuun, hannaa fi hojimaata badaa kutannoon ittisuu fi ittiquufiinsa tajaaiilamaa sadarkaa olaanaan mirkaneessuuf murannoon hojjenna.

Adeemsi maree biyyaalessaa xumuramaa jirus galma qabameef akka milkeessuuf deggeruun, dhaabbilee. diimokirasii caalmaatti bilisa, loogii irraa bilisaafi cimaa akka ta’an cimsuun, paartilee morkattootaa waliin faayidaa biyyaalessaa bu’uureffachuun yaada isaaniis ikan tattaafannu ta’a tti dabaluf

Walumaagala paartiin Badhaadhinaa waadaa gale utuu irraa hinhambisiin raawwachuun filannoon kan ittiin aangootti ba’an otoo hintaane imaanaa guddaan auummata tajaajiluu qabatqmaan mirkaneessa. Kanaafis badhaadhinamItiyoophiyaanhunda galeessa qabatqmaan mirkaneessuuf imala seena qabeessa keenya yeroo kamuu caalaa cichoomina olaanaan tokkummaa fi murannoon cimsinee itti fufsiisuuf uummata keenya kabajamaaf waadaa keenya irra deebiin haaromsina.

Paartii Badhaadhinaa
Waxabajjii 14, 2018
Finfinnee, Itiyoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.