Fana: At a Speed of Life!

Paartiin mootummaa hundeessu fedhii uummataa guutuuf hojjechuu qaba- Jiraattota magaalichaa

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2018 (FMC) – Paartiin filannoo injifachuun mootummaa hundeessu fedhii uummata isa filatee guutuuf hojjechuu qaba jedhan jiraattonni magaalaa Finfinnee.

Jiraattonni kunneen Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif akka ibsanitti, paartiin injifatu pirojektoota misoomaa gurguddoo eegalaman itti fufsiisuuf, dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuu fi nageenya amansiisaa mirkaneessuuf itti gaafatamummaa isaa bahachuu qaba jedhan.

Qaamni gara fuulduratti aangoo fudhatu hojiilee biyyaafi lammiilee fayyadan irratti xiyyeeffachuu akka qabus eeraniiru.

Uummannis ambaasaaddara nageenyaa ta’uu akka qabuufi aadaan wanta hundaa mootummaa qofarraa eeguu jijjiiramuu akka qabus kaasaniiru.

Mirgiifi walqixxummaan dubartootaafi daa’immanii akka eegamuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu kaasanii, dargaggootaafis carraan hojii bal’aan uumamuu qaba jedhan.

Kana milkeessuufis uummanniifi mootummaan qindoominaan hojjechuu akka qaban eeraniiru.

Mootummaan haaraan hundeeffamu hojiilee misoomaafi nageenyaa irratti xiyyeeffachuun Itiyoophiyaa gara sadarkaa fooyya’aatti ceesisuuf akka hojjetus gaafataniiru.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.