Paartiin Zimbaabwee ‘ZANU-PF’ Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiif ergaa baga gammaddanii dabarse
Finfinnee, Waxabajjii 25, 2018 (FMC) – Paartiin Zimbaabweetti aangoo mootummaa qabatee jiru ZANU-PF, Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiif, Paartii Badhaadhinaa fi uummata Itiyoophiyaatiif ergaa baga gammaddanii dabarsee jira.
Filannoon biyyaalessaa Itiyoophiyaatti gaggeeffame 7ffaan milkiidhaan xumuramuu hordofuun, paartilee siyaasaa obbolaa fi michoota idil-addunyaa irraa ibsi fi ergaan baga gammaddanii ergamaa akka jiran ragaan Paartii Badhaadhinaa irraa argame ni agarsiisa.
Beekamtiin bal’aan idil-addunyaa kunis tarkaanfii seena-qabeessaa fi boqonnaa diimokraasii Itiyoophiyaan galmeessitee fi irra geesse kan calaqqisiisu ta’uun ibsameera.
Humni Gamtaa Biyyaalessaa Afrikaa Zimbaabwee – Adda Goototaa (ZANU-PF) ergaa dabarse kanaan, filannoon Itiyoophiyaa milkiidhaan xumuramuun biyyattiin nageenya, tasgabbii fi fedhii birmaddummaa uummata isheetiif kutannoo cimaa qabaachuu kan agarsiisu fi boqonnaa haaraa diimokiraasiiti jedheera.
Bakka bu’ummaan uummataa bal’aa Paartiin Badhaadhinaa argate, lammiileen Itiyoophiyaa hoggansa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad irratti, akkasumas mul’atni misoomaa hammattaa ta’e, tokkummaan biyyaalessaa fi qindoominni naannawaa akka dhufu amantaa qaban ragaa mul’isuu dha jedheera.
Hariiroo michuummaa yeroo dheeraa paartilee obbolaa fi biyyoota lamaan gidduu jiru kan ibse ZANU-PF, Afrikaan carraa ishee ofiin akka murteeffattuu fi walabummaa dinagdee akka argattuuf tattaaffii godhamu keessatti Itiyoophiyaan michuu amanamtuu ta’uu ibseera.
Dabalataanis, milkiin filannoo kanaa walooma Paan-Afrikaanizimii akka jabeessu fi galma waloo Ajandaa 2063 kan Gamtaa Afrikaa kan agarsiisudha jechuun hubachiiseera.
ZANU-PF paartileen fi biyyoonni lamaan badhaadhina, tokkummaa fi kabaja uummata isaaniitiif waliin hojjechuu akka itti fufan ibsuun; hariiroo obbolummaa gidduu isaanii jiru caalaatti cimsuuf kutannoo qabaachuu mirkaneesseera.
#Oromia #Ethiopia