Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saamiyaa Suuluuh Dooktar Abiy Ahimadiif ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 26,2019( FMC)- Pireezidaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suuluuh Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad irra deebiin Ministira Muummee Itiyoophiyaa ta’uun moggaafamuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
 
Saamiyaa Suuluuh ergaa isaaniin, Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan irra deebiin Ministira Muummee ta’uun waan moggaafamaniif maqaa uummataafi mootummaa Taanzaaniyaan baga gammaddan jechuun barbaada jedhaniiru.
Taanzaaniyaan hariiroo damdaneessaa Itiyoophiyaa waliin qabdu akka kabajju ibsuun, mootummaan biyyattii Itiyoophiyaa waliin hariiroo uummataafi uummataan, fedhiiwwan waloofi naannawaa irratti tumsaan hojjechuu akka itti fufu mirkaneessaniiru.
 
#MootummaaIda’amuu
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.